Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sirni gaggeessaa Alii Kaamenii guyyootaaf turu eegale

Iraan hogganaa olaanaa duraaniishee ji'oota afur dura haleellaa waloo US fi Israa'eliin ajjeefamaniif sirna gaggeessaa guyyoota baay'eef turu ifatti eegalte.

Guduunfaa

  • Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii, YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.
  • Mariin US fi Iraan Dohaatti gaggeessaa turan xumurame, awwaalcha hoogganaa Iraan booda itti fufa
  • Haleellaa Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 10 du'an
  • Meeksikootti wayita milkaa'ina Waancaa Addunyaaf gammachuu ibsatan namoonni afur du'an
  • Haleellaa 'hidhattoota Faannoo' tibbanaan Amuruutti maaltu ta'e?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Nama daddabarsuun Faransaayitti namni himatame UK jiraachaa jira

    Namni daddabarsa namaan himatamee Faransaayitti barbaadamaa ture UK galee koolugaltummaa gaafachuun jiraachaa akka jiru BBC'n bira gahe.

    Namni kun yeroo tokko kaampii baqattootaa keessatti ''abbaa baqattootaa'' jedhamuun beekama.

    Qorannoo BBC gaggeesse namni kun seeraan ala UK keessaa hojjechaa jiraachuu agarsiise.

    Bara 2016 keessa namni Tiwaanaa Jamaal jedhamu kun Faransaay keessatti hidhaa waggaa shaniin adabamee ture.

    Namni Kurdoota Iraaq irraa tahuu himame kun godaantota gara UKtti galchuuf torbanitti hanga paawondii miiliyoona 100,000 fudhataa ture.

    Eeruu argatee BBC'n yoo qoratu Jamaal ganda Bilaabii jedhamtu keessa osoo hojjetuu argame. Eeyyama konkolaachisummaa malee maqaa sobaa fayyadamuun osoo konkolaachisuus argameera.

  2. 'Dippiloomaasii ykn waraanaan nu hin gargaartan taanaan nu hin rakkisiinaa' - Qondaala Iraan

    Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagaar Gaabaaliif komii biyya keessaa ka'uuf deebii kennan.

    Haasaa miidiyaa biyyasaanii waliin taasisaniin marii Ameerikaa waliin taasifamuun komii biyya keessaa Teehraan irraa ka'uuf deebii kennaniin ''dippiloomaasii ykn waraanaan nu deeggartan yoo tahe nu hin rakkisiinaa,'' jedhan.

    Af-gaaffii taasisan irratti Iraan komii biyya keessaa irraa ka'u irratti deebii jabaa kennaniiru.

    Siwiizarlaanditti waliigaltee taasifameen qabeenyi Iraan dhorkamee jiru sanadni deebisiisu xumuramuu himan. Marii kanarratti Pireezidantiin Ittaanaa Ameerikaa JD Vaans fi qondaalonni biroo argamuu himan.

    Komii biyya keessaa ka'uuf yaada kennaniin ''haasaa Tiraamp irra hin deebi'iinaa....gaarii miti. Uummati akka tasgabbaa'uufi Riippaabliika Islaamaan akka gammadu itti dhiisaa,'' jedhan.

    Bakka buutonni aannisaa atoomikii gara Iraan seenuu ilaalchisee, ''mana mareefi gumiin nageenya waliigalaa biyyaalessaan murtoo dabarsineen haala kamiinuu naannolee miidhaman dhaqanii ilaaluun hin danda'amu,'' jedhan.

    Ameerikaafi Iraan magaalaa guddoo Qataar Dohaatti haasaan al-kallattii haala gaarii tahee adeemaa akka jiru Pireezidant Donaaldi Tiraamp ibsaniiru.

  3. Iraan fi US marii Dohaatti taa'an xumuran, kan itti aanu sirna awwaalchaa hoogganaa olaanaa Iraan booda itti fufa

    US fi Iraan marii Qataar, Dohaatti gaggeessaa turan xumuraniiru.

    Garuu wanti nageenya waaraa irra ga'uu akeeku hin jiru.

    Marii ergamtoonni US kanneen akka soddaa Pirezidant Doonaald Tiraamp Jared Kushner fi Istiiv Witkof Dohaatti guyyoota lamaaf gaggeessan kanarratti aanga'oonni Iraan kallattiin akka hin hirmaanne ibsanii turan.

    Maddeen dhimma marii US fi Iraan kanatti dhihaatan dhimmi Ulaa Hormuuz fi qabeenya Iraan gadhiisuu qabxiiwwan ijoo turan.

    Dhimmoonni kunneen wayita torbee lama dura waliigalteen walhubannoo mallattaa'u dhimmoota dursi kennamuufii qabu akka ta'an waliigalameera.

    Ministeerri dhimma alaa Qataar mariin Dohaa kun xumuramuu ibsuun mariin itti aanu ammoo sirni awwaalchaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii Adoolessa 9 raawwatee booda itti fufa jedhe.

    Dubbi himaan ministeerichaa mariin Dohaa bu'aa abdachiisaa argamsiisuu ibsuun, ''waltajjiin kun waliigaltee Waxabajjii darbe akka dhukaasi dhaabbatu taasise hordofee mariin Siwiizarlaandi kan irratti gabbate ture,'' jechuun X irratti barreesse.

    Pirezidant Tiraamp gamasaan dhimma sagantaa nukilaraa Iraan daangessuurratti mariin gaggeeffame abdachiisaa ture jedhe.

    Garuu maddeen marii kanatti dhihaatan dhimmi nukilaraa marii teeknikaa kanarratti hin kaaneyyuu jedhan.

  4. Haleellaa misaayelaa fi diroonii Raashiyaan Yukireen Kivitti raawwatteen namoonni kudhan du'an

    Humnooti Raashiyaa eda galgala haleellaa dirooniifi misaayelaa bal'aa magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti raawwataniin yoo xiqqaate namooti kudhan lubbuu dhaban.

    Yeroo haleellaan gamoowwan raasu ollaa baayyee keessaa namooti baafaman.

    Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii Raashiyaan haleellaa ‘jabaaf’ qophaa’aa akka jirtu himuun akeekkachiisa dabarse ture.

    Hogganaan waraanaa Kiiv namoota miidhaman keessa ‘’lakkoofsi guddaan’’ ijoollee dha jedhe.

    ‘’Diinni ammallee ollaa jireenyaa irratti qiyyaafachuun namoota nagaa ajjeesaa jira,’ jedhe ibsa Kamisa har’aa kenneen.

    Ministeerrii Ittisaa Raashiyaa ammoo haleellaa Yukireen miilana raawwatteef deebii kennuuf bu’uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffanne jedhe.

  5. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. US fi Iraan marii Qataar goolabaniiru.

    Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti raawwatteen namoota 10 caalaa ajjeeste.

    Dhimmoota kunneen irratti xiyyeeffanna. Odeessaalee addunyaa kaanis isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Odeesaalee kallattiin tamsaasaa turre asii dubbisuu dandeessu.