Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannocha godinaalee 21 irraa ja'atti gurmeesse

Caffeen Oromiyaa kora gaggeessaa jiruun muudama adda addaa fi caaseffama mootummaa mirkaneesseera. Naannoon Oromiyaalee Godinaalee 21 kan qabu yoo ta'u, kora kanarratti godinaalee 6tti akka gurmaa'u raggaasifameera.

Guduunfaa

  • Haleellaa misaayelaa Ulaa Hormuuz irratti raawwatteen miseensonni humna galaanaa US saddeet miidhaman
  • Iraan waraanni kun dhaabbachuu kan danda'u ''marii qofaan'' jette
  • Yaada marii dhihaate fudhachuu dhabuun US mariisistootaan kan mirkanaa'e miti jedhe qondaalli Iraan
  • Duraan Pirezidant Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz banamuu mormuu hordofee mariisistoota irraa deebii akka eegdu Iraan ibsitee turte
  • Dr Abrahaam Balaay Komishinira Komishinii Annisaa Niikuleera Itoophiyaa ta'uun muudame
  • Afrikaa Kibbaatti haleellaawwan lama sa'atii muraasa keessatti raawwatamaniin namoonni 27 ajjeefaman
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Fannoon Diimaa idila addunyaa taajjabdoota Gamtaa Afrikaa dabalatee namoota 161 Tigraay keessaa baasuu beeksiseera

    Konkolaattota dhaabbata Fannoo Diimaa

    Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa naannoo Tigraay kan walitti bu'iinsi keessa deemurraa "namoota 161" baasuu beeksise.

    Dhaabbatichi Wiixata Fulbaana 28/2026 ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, kanneen naannoo Tigraay keessaa baafaman miseensota Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi maatii isaanii, hojjettoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa fi maatii isaanii, hojjettoota nageenya siviil aviyeeshinii, taajjabdoota Gamtaa Afrikaa, fi miseensota Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa kan dabalatudha.

    Koreen kun ibsasaa keessatti namoota 161 kana Tigraay irraa ''gahee walaba ta'een, gaaffii fi hayyama qaamolee dhimmi ilaallatu hunda irratti hundaa'uun'' baaseera jedheera.

    Kibxata darbe humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Aluulaa Abba Naggaa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to’achuu isaanii erga gabaasni ba’ee booda nageenya hojjettoota kanaa ilaalchisee gaaffiin ka’eera.

    Buufata xiyyaaraa humnoota Tigraayiin dhuunfachuu isaanii hordofuun balaliin gara Tigraayitti taasifamu addaan citeera.

    Lolli mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti haaromfame itti fufee kan jiru yoo ta’u, naannoo daangaa naannoo Amaaraa fi Affaaritti lola gaggeeffamaa jira.

    Dhaabbatichi hojjettoota kana geejiba uummataa atoobisii asxaa dhaabbatichaa qabuun gara magaalaa Samaraa kan naannoo Affaar keessa jirutti dabarsuu beeksise.

    Itti dabaluudhaanis ''qaamota waldhabdee kana keessa jiran waliin marii gochuu itti fufa, haalli namoota saaxilamoo ta'anii yeroo murteessaa ta'ee fi qaamoleen hundi hojii akkanaa irratti walii galan hundatti itti gaafatamummaa fudhachuu itti fufa'' jedheera.

    Tigraay keessatti sararri bilbilaa fi intarneetii Itiyoo Telekoom addaan citee daldala fi dabarsuu maallaqaa irratti jeequmsa guddaa uumeera.

  2. Dhiirtii shanan buufata xiyyaaraa waraanaa UK Ameerikaan itti fayyadamu biratti to’ataman “miidhaa guddaa” geessisuuf karoorfachaa turan jedha Tiraamp

    Shakkamtoota UK keessatti to'ataman

    Namoonni shanan Poolisiin Biriteen Dilbata naannoo buufata xiyyaaraa UK, kan Ameerikaan Iraan rukutuuf itti fayyadamaa jirtu, to’annaa jala oolche lammiilee Biriteen ta’uun mirkanaa’e.

    Jiraattonni Landan kunneen shakkii yakka meeshaa dhoohuu fi shororkeessummaatiin to’ataman.

    Kunis erga qonnaan bultuun tokko “dhiirota hedduu fuula haguuggatan naannoo buufatichaatti arguu” ishee poolisiitti himtee booda.

    Qonnaan bultuun kun karoora isaanii “fashaleesse” jetteetti.

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, shakkamtoonni kunneen aanga’oota Ingilizii fi Ameerikaatiin qoratamaa turan, “miidhaa guddaa” geessisuuf karoorfachaa turan jedha.

    Taatee kanaan walqabatee, qaamni quba itti qabamaa jiru Iraan ta’uu mala.

    Poolisiin farra shororkeessummaa, “waa’ee kaka’umsa taatee kana duuba jiru fi gaaffiiwwan ji’oopoolitikaa ka’aa jiran baay’ee sirriitti beekna” jedhe.

    Imbaasiin Iraan Landanitti argamu tilmaama biyyattii namoota shanan kana waliin walqabsiisu “cimsee akka didu” ibseera.

    Ibsa X irratti maxxanfameen, Imbaasichi “tilmaama bu’uura hin qabnee fi hamaa dhiheenya kana namoota dhuunfaa fi miidiyaalee Biriteen tokko tokkoon maxxanfaman cimsee balaaleffata” jechuun barreesse.

    Itti dabaluudhaanis: “Tilmaamni akkasii, keessumaa erga gochaawwan haleellaa Ameerikaa fi mootummaa Israa’el ummata Iraan irratti raawwatan booda, UK keessatti ololii jibba Iraan akka ol kaasu malee kaayyoo biraa hin qabu,” jedhe.

    Qonnaan bultuun dhiirota hedduu fuula haguuggatan argite haa jettu malee, Ministirri Ittisaa UK Wees Istiriitiing, qonnaan bultuun kun “fakkii gartokkee qofa” qabdi jedha. Akkasumas, walitti dhufeenya Iraan waliin ta’uu danda’u irratti tilmaama kennuu dide.

    Naannoon buufata xiyyaarichaa amma to’annaa poolisii jala jira. Konkolaattota shakkamtoonni ittiin dhufan irratti meeshaa dhoohuu jiraachuu fi wantoota biroo qorachuuf sakatta’iinsi gaggeeffamaa jira.

    Jiraattonni ganda naannichaa keessa manneen 85 keessa jiraatanis ammaaf baafamaniiru; naannichis poolisiin sakatta’amaa jira.

    Mootummaan Ingilizii, Ameerikaan buufata kana fayyadamuun iddoowwan misaa’ela Iraan, kanneen dooniiwwan Ulaa Hormuuz irratti haleellaa turan, akka rukutuuf hayyama kenneera.

  3. Caaltuu Saanii hooggantuu Korporeeshinii Manneenii Federaala ta'uun muudaman

    Ministira Magaalotaafi Bu'uura Misoomaa ta'uun tajaajilaa kan turan aadde Caaltuu Saanii hooggantuu Korporeeshinii Manneenii Federaalaa ta'uun muudamuu Waajirri Ministira Muummee Itoophiyaa beeksise.

    Aadde Caaltuun jilasaanii waliin ta'uun jijjiiramni Itoophiyaan misooma magaalaa irratti galmeessite magaalota kaaniif fakkeenya akka ta'u yaa'iiwwan idila addunyaarratti hirmaachuun muuxannoo Itoophiyaa qoodaa turan.

    Caaltuu Saanii
  4. Dhukaasa Afrikaa Kibbaa keessatti banameen namootni 28 ajjeefaman

    Haleellaa Afrikaa Kibbaa

    Afrikaa Kibbaa bakkaa adda addaa fi garaagartummaa sa'aatii muraasaan dhukaasa hidhatootni bananiin namootni 28 ajjeefamuun gabaafame.

    Jalqaba Sambata xiqqaa galagala dhiyeenyaa magaalaa Johaanisbargitti hidhattootni saddeet mana dhugaatii alkoolii seenuun dhukaasa banan. Dhukaasa kanaan namootni 18 du'anii 14 ammoo madaahan.

    Haleellaa kanaan warri miidhaman hedduun lammiilee Afrikaa Kibbaa ta'aniyyuu lammiileen Itoophiyaa fi Leseettos jiruu jedheera Poolisiin.

    Lammiileen Itoophiyaa dhukaasa kanaaf saaxilaman jedhaman lubbuun darbuufi dhiisuu akkasumas lakkoofsa isaanii ilaalchisee Poolisiin ammatti homaa hin jenne.

    Dilbata ganama ammoo dhukaasa naannoo magaalaa Keep Taawunitti banameen namootni 10 ajjeefamanii namootni biroo 11 ajjeefamaniiru.

    Afrikaan Kibbaa biyyoota addunyaa nama ajjeesuun itti heddumatu keessaa adda duree yoo taatu yeroo dhiyoo as ammoo shiftoota magaala keessaan haleellaa raawwatamuun raafamaa jirti.

    Poolisiin sababni dhukaasota kanaa maal akka ta'e ammatti ifatti hin ibsine.

    Haleellaa Johaanisbarg irratti warreen hidhatan maamiltoota mana dhugaatii dura dhaabatanii turanitti callisanii dhukaasa banuu Poolisiin himeera. Achiis gara mana dhugaatii seenaniin dhukaasuu itti fuafan. Boodas konkolaattota lamatti ibidda qabsiisanii deeman.

    Haleellaa kanaan reeffa namoota afurii qofatu adda bahe jedheera Poolisiin.

    Komishinarri Poolisii Gu'ateeng saamichi sababa haleellaa kanaa keessa tokko ta'us dhibdee gareewwan seeraa ala albuuda baasan gidduu jirus sababa biraa ta'uu himan.

    Haleellaa isa Keep Taawuniin namootni shan battalatti yoo du'an kan hafan shan ammoo hospitaala gahanii lubbuunsaanii darbe.

    Haleellaa lamaaniinuu walqabatee hanga Dilbataatti namni shakkiin to'atame hin jiru.

    Haleellaan kun kan raawwatame magaalaa Darbaanitti namootni 11 ajjeefamuu guyyoota muraasa booda.

  5. Somaaliyaa Baayidowaatti walitti bu'insi dhalate

    Konkolaataa caccabaa mana one bira dhaabbatee jiru

    Somaaliyaa bulchiinsa Saawuz Weest magaalaa Baayidowaa keessatti har'a ganama humnoota mootummaa fi hidhattoota amanamoo pireezidantii naannichaa duraanii Abdiiaziiz Hasan gidduu walitti bu'inisi dhalateera.

    Walitti bu'inisi kuni dhalachuun booda naannolee Baayidowaaf ollaa tahanitti babal'achuu maddeen BBCtti himaniiru.

    Walitti bu'insa uumame kanaan miidhaan qaqqabe hin baramne.

    Dubbihimaan pireezidantiin duraanii humni isaanii olaantummaa agarsiisuu himanillee BBC'n qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.

    Mootummaan federalaa Somaaliyaa walitti bu'insa kanarratti ibsa kenneen magaalaa Baayidowaatti gareen har'a ganama haleellaa raawwate ''shororkeessaa dha'' jedhee ibsuun mo'atamuu isaanii himeera.

    Ministarri Ittisaa Somaaliyaa Ahimad Mo'aalliim fuula Feesbuukii isaanii irratti ergaa dabarsaniin ''Baayidowaa irratti shororkeessitoota lakkuu irratti haleellaa olaanaa irratti raawwanneerra,'' jedhan.

    Ministarichi shororkeessitoota lakkuu jechuun kan waaman hidhattoota amanamoo pireezidantii duraanii kibba lixa Somaaliyaa Abduulaaziiz fi Alshabaabiin jechuu isaaniiti.

    Dubbiihimaan pireezidantii naannichaa duraanii Hasan Abdii Mahammad garuu ''Baayidowaa fi bulchiinsa kibba lixaa to'achuuf jala gahuu,'' himaniiru.

    Mootummaan federalaa garuu Baayidowaan guutummaatti to'annoosaa jala jiraachuu hima. Waan gareeleen lamaan jedhan kana BBC'n qaama walabaarraa hin mirkaneessine.

  6. Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannocha godinaalee ja'atti gurmeesse

    Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo

    Caffeen Oromiyaa kora gaggeessaa jiruun muudama adda addaa fi caaseffama mootummaa mirkaneesseera.

    Naannoon Oromiyaalee Godinaalee 21 kan qabu yoo ta'u, kora kanarratti godinaalee 6tti akka gurmaa'u raggaasifameera.

    Haala kanaan maqaan godinaalee durii hafuun Baha Oromiyaa, Giddugaleessa Oromiyaa, Kibba Oromiyaa, Kibba Baha Oromiyaa, Lixa Oromiyaa fi Kibba Lixa Oromiyaa jedhamuun jedhamuun gurmaa'eera.

    Akka gabaasa OBNtti mootummaan Naannoo Oromiyaa haala kanaan gurmaa'uu kan ibsan Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa naannochaa Obbo Guyyoo Waariyooti.

    Namoonni siyaasaa mormitoota mootummaa ta'anii fi rogeeyyiin caaseffamni kun Oromiyaa qoqqooduudha jechuun kanaan dura mormaa turan.

    Obbo Guyyoo Waariyoo garuu Kaayyoon gurmaa'iinsa kanaa tajaajilli hawaasaatti akka siquufi humni murteessummaa akka si'atuuf yaadameeti jedhan.

  7. Karri nagaaf baname yoomillee hin cufamu- Pirezidant Shimallis

    Pirezidant Shimallis Abdiisaa

    Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun irra deebiin kan filataman Obbo Shimallis Abdiisaa haasawa jalqabaa isaanii taasisaniin dhimmoota misoomaa, nageenyaa fi hawaasummaarratti xiyyeeffataniiru.

    Keessattuu nageenyarratti xiyyeeffachuun akka hojjetan dubbatan.

    ''Nageenyi bu'uura misoomaa waan ta'eef xiyyeeffannaan irratti hojjenna,'' jedhan.

    ''Karri nageenyaaf baname yoomillee hin cufamu. Dhibdeen kamiyyuu karaa nagaan furamuu qaba.''

    Mootummaan nageenyi mirkaneessuuf dirqama guddaa qabaatus, ''nageenyi qaama tokko qofaan kan mirkanaa'u miti.

    Kanaaf hirmaannaa qaama hundaa gaafata. Uummanni keenya, Abbootiin Gadaa, haadholiin siiqqee, abbootiin amantii, jaarroleen biyyaa tumsa waloo akka taasisan,'' gaafatan.

  8. Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun irra deebiin filataman

    Pirezidant Shimallis Abdiisaa

    Caffeen Oromiyaa yaa'ii isaa jalqabaa, bara hojii tokkoffaa irratti Obbo Shimallis Abdiisaa pirezidantii gochuun irra deebiin muude.

    Waggaa shanan darbaniif pirezidantii naannochaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Shimallis, ammas waggoota shanan itti aanan aangoo kanaan uummata tajaajiluuf waadaa seenaniiru.

    Pirezidant Shimallis ga'eessa umrii waggaa 40 yoo ta'an, barnoota filoosoophiin (Philosophy) akkasumas Mirga Namoomaan (Human Rights) digirii lammaffaa (MA) akka qaban ibsameera.

  9. Pirezidantii filachuu dabalatee ajandaawwan Caffee Oromiyaa 7ffaa irraa eegaman

    Kora Caffee Oromiyaa torbaffaa

    Caffeen Oromiyaa 7ffaa Afa-yaa'ii haaraa filachuun kora jalqabaa kan bara hojii tokkoffaa eegaleera.

    Kora kanaan ajandaawwan 10 kan dhihaatan yoo ta'u isaan keessaa tokko moggaasa pirezidantii naannochaa dhihaate mirkaneessuudha.

    Caffechi Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa gochuun irra deebiin filateera.

    Akkasumas sirna mootummaa haaraa diriirfame irratti mari'achuun mirkaneessuun ajandaa caffee kanaa keessaa tokko.

    Muudama dura taa'otaa fi miseensota koreewwan dhaabbii, muudama hooggantoota dhaabbilee adda addaa, wixinee labsiiwwan hojii raawwachiistuu raggaasisuu dabalatee ajandaawwan 10 kora kanaan akka mirkanaa'an Afa-yaa'ii haaraan caffechaa Obbo Abdulsalaam Waariyoo himaniiru.

  10. Obbo Abdulsalaam Waariyoo Halakee Afa-yaa'ii Caffee Oromiyaa ta'an

    Obbo Abdulsalaam Halakee Waariyoo

    Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdulsalaam Waariyoo Halakee Afa-yaa'ii Caffee Oromiyaa 7ffaa ta'uun filataman.

    Obbo Abdulsalaam sadarkaa aanaa irraa hanga godinaatti tajaajilaniiru.

    Ga'eessi umrii waggaa 42 kun barnoota bulchiinsaa (Leadership) digirii lammaffaa (MA) kan qaban yoo ta'u waggoota kurnaa oliif muuxannoo bulchiinsaa qabu.

    Waggoota shanan darbaniif Afa-yaa'ii Caffee Oromiyaa kan turan Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan baallii dabarsuun Obbo Abdulsalaamiif kennaniiru.

    Obbo Abdulsalaam baallii erga fudhatanii booda yaa'ii caffee torbafffaa walga'ii tokkoffaa bara hojii jalqabaa gaggeessuu jalqabaniiru.

    Caffeen Oromiyaa torbaffaan kora kanaan hooggansa mootummaa olaa muuduu fi mootummaa haaraa hundeessuu dabalatee wiixineewwan hedduu irratti mari'atee akka raggaasisu eegama.

  11. UK'tti namoonni haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf turan shan qabaman

    Poolisii UK

    UK'tti namoonni shan haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf turan jedhaman to'annoo jala oolan.

    Namoonni kunneen konkolaataa sadii gara naannoo Raaf jedhamutti qajeelchuun yeroo oofaa turaniiti qabamuu poolisiin himeera.

    Gaafa Dilbataa taateen kuni gabaafamuun booda namoonni naannoo Raaf Feerfoord jedhamu jiraatan achii akka bahan godhameera.

    Gareen fanjii fashaleessu naannoo buufata humni qilleensaa Ameeerikaa fayyadamaa ture keessa qorataa jira.

    Namoonni naannichaa akka bahan godhaman Dilbata kaleessaa mana isaaniitti akka hin deebine itti himameera. Tahus aagawooti haleellaa karoorfame to'annoo jala ooleera jedhanii amanu.

    Dubartiin naannichaa tokko waan shakkisiisaa argauun booda poolisiif gabaasuu himteetti.

    Jiraattuun maqaanshee akka hin dhahamne gaafatte kuni bilbila yeroo balaa 999tti bilbiluun akka eeruu kennite dubbatti. Konkolaataa sadii fi namoota fuula haguuggatan arguu himti.

    Dubartiin kuni jalqaba eeruu kana kennuuf ministeera ittisaatti bilbiltus deebii akka hin arganne himte. Ministeerichi dhimma kanarratti deebii hin kennine.

  12. Haleellaa misaayelaa Ulaa Hormuuz irratti raawwatteen miseensonni humna galaanaa US saddeet miidhaman

    Dooniiwwan Ulaa Hormuuz

    Iraan torbee lama dura haleellaa misaayelaa Ulaa Hormuuz irratti raawwatteen miseensota humna galaanaa US saddeet rukutuu miidiyaaleen US aanga'oota US sadi dubbisuun gabaasan.

    Miseensota miidhaan irra gahe keessaa tokko qondaala olaanaa yoo ta'u, kaan garuu miseensota idilee ta'uu gabaasi kun eereera.

    Miseensonni miidhaman saddeettanuu amma bayyanachuun gara hojiisaaniitti deebi'uunis gabaafameera.

    Wayita haleellaan Iraan raawwatutti miseensonni kunneen ergama loltummaa fudhachuun bakkichatti akka argaman eerameera.

    Aanga'oonni US dooniin haleelame kan Ameerikaa akka hin taane ibsan.

    Doonii humna galaanaa ta'uun ibsuun ala kan eenyuu akka taate hin ibsine.

    Waraana Iraan Guraandhala 2026 eegale booda lakkoofsa loltoota US miidhamanii ilaalchisee gama Ameerikaan jijjiirama adda addaatu taasifamaa ture.

    Kanaaf Pentaagan irratti komii fi gaaffiin ka'a ature.

    Hanga Roobii darbeetti lakkoofsi loltoota US miidhaan irra gahee 861 ta'uun galmaa'eera.

  13. Waraanni kun kan dhaabbatu marii qofaani- Iraan

    Abbaas Araagchii

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii waraanni Ameerikaa waliin itti jiran kan dhaabbachuu danda'u ''marii qofaan'' ta'uu ibse.

    Yaada marii dhihaate fudhachuu dhabuun US mariisistootaan kan mirkanaa'e miti jedhe qondaalli Iraan kun.

    Duraan Pirezidant Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz banamuu mormuu hordofee mariisistoota irraa deebii akka eegdu Iraan ibsitee turte.

    Tiraamp karoora Ulaa Hormuuz banuu Iraan dhiheessite kuffisee ture.

    ''Yaadi Iraan dhiheessite fudhatama hin qabu,'' jedhe Tiraamp wayita Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf ibsa kennu.

    Iraan guyyoota torba keessatti dhimma Ulaa Hormuuz irratti akka waliigalteerra ga'amu kan barbaaddeef ''akka malee waan injifatamteef,'' jedhe Tiraamp.

    Abbaas Araagchii gama Tiraampiin karoorri kun kufaa ta'uu akka quba qabu ibsuun, garuu hanga Waashingitan dhimma kanarratti ifatti deebii kennitutti akka eegan ibse.

  14. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. Dhimma waraana Iraan irratti xiyyeeffanna.

    Dhimmoota biyya keessaa fi alaa irrattis odeeffannoo jiran isin biraan geenya.

    Nu faana turaa!

    Tamsaasa kallattii armaan duraa irraa odeeffannoo argachuuf asiin seenaa!