Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ameerikaafi Iraan Ulaan Hormuuz to'annoo keenya jala jira jechaa jiru

Piredant Tiraamp Ulaan Hormuuz "guutummaa to'annoo US jala jira" jechuun erga ibsan booda qondaalli Iraan 'nu harka jira' jechuun dubbatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan, waliigaltee nagaa yeroo US waliin ture lafaa kaasuuf jijjiiramni mul'ate hin jiru jette

    Iraanii fi US carraaqqii waliigaltee waaraa waraana Galoogalaanaa dhaabsisuu irratti garaa walitti jabaachaa jiraachuu qondaalli olaanaan Iraan tokko himuu Rooytarsi gabaase.

    Qondaalli Iraan kun marii biyyoota lamaanii Adoolessaa waliigalame lafaa kaasuu akkasuma beellama haaraa yeroo hojiirra oolmaa qabachuu ilaalchisee jijjiiramni homaatuu hin jiru jedhan.

    Yaadni qondaala Iraan kun Kibxata haleellaa dooniiwwanirratti raawwatame booddee Tiraamp hogganoota Iraan arrabsuun, abdiin marii dukkanaawuu akeeke booda dhagahame.

    Waliigalteen yeroo Adoolessa keessa mallattaa'een, "duulli waraanaa adda hundumaan battalattii fi karaa waaraan akka dhaabbatu" labsee ture.

    Garuu osoo hin bubbulin Adoolessa 07 Tiraamp, "waliigalichi dhumateera" jedhee ture. Ministeerri dhimma alaa Iraanis waliigaltichi "adda cituu" torbaan booda ibse.

    US gama isheetiin Iraan waliigaltee Ulaa Hormuuz banuu hojiitti hiikuu dadhabuutiin himatti. Teehraan immoo Ulaa Hormuuz irraa uggura kaasuu dabalatee, qabeenya Iraanirraa uggura kaasuu dhabuun waadaaa ishee kabajuu hin dandeenye jetti.

    "Dubbiin ijoon tokko kan karaa jaarsolii araaraa mari'achaa jiran gara waliigaltee yerootti akka deebi'anii fi waan irratti waliigalan hojiitti hiikuuf yeroo kaawwachuu kan jedhu. Maddi Iraan dhimma kana ilaalchisee jijjiiramni homaatuu hin jiru" jedhu.

  2. Hidhattoonni Huutii loltoota Yaman waliin walitti bu'an

    Hidhattoota Huutii Iraaniin deeggaramaniifi humna waraanaa Yaman kan Sa'udin deeggaraman gidduu walitti bu'iinsi dhalatuun gabaafame.

    Miidiyaaleen akka gabaasanitti, dhibdeen kuni kan mudate yeroo muddamni Giddugala Bahaatti cimee jiruuttidha.

    Maddi AP'tti akka himanitti taanaan, loltuun Yaman tokko ajjeefamee kaan immoo miidhameera.

    Walitti bu'iinsi kuni kan dhalate yeroo haleellaan hidhattooti Huutii bakkeewwan humnoota mootummaan qabatanitti dhukaasuu itti fufanittidha.

    Bakki amma haleellaan raawwate jedhame bulchiinsa Taayiz jedhamutti akka ta'e qondaalonni qaraanaa Yaman dubbachuu AP'n gabaaseera.

    Torban dura haleellaa hidhattoota Huutiin yoo xiqqaate humni waraanaa Yaman 30 ta'an ajjeefamuu torban dura gabaafamee ture.

  3. Qorattoonni pilaastikii salphumatti bosbosuu danda'an hojjetan

    Qorattoonni pilaastikii salphumatti bosbosuu danda'an hojjechuu beeksisan.

    Qorattoonni Landanitti argaman afuuffee salphaatti bosbosuu danda'uufi addunyaa kanaaf kan jalqabaa ta'e hojjechuu beeksisan.

    Qorattoonni Kolleejjii Impeeriyaan Landan afuuffeen asiin dura beekamu tortoruufi keemikaalota hamoo gadhiisisuuf yeroo dheeraa kan fudhatu ta'uu hima

    Haa ta'uu malee afuuffeen isaan hojjetan salphaatti ji'oota sagal keessatti bosbosuu (tortoruu) akka danda'u himan.

    Qorannoo kanaaf tumsa kan godhan garee qorattootaa miidhaa pilaastikootni diggisiirraa hafanii garbaaa fi galaana keessatti gataman lubbu-qabeeyyiirraan geessisan hir'isuuf ta'uu beeksisan.

    Afuuffee haaraan kuni "Baayooluun" maqaan jedhamu kennamuufii kan ibsan qorattoonni afuuffee asiin dura beekamuun gatiin isaa tokkuma jedhan.

    Afuuffeen kun salphumatti kan dhoo'u akka ta'es ibsan qorattoonni.

    Qorattuu fi barattuun Kolleejjii Impeeriyaan Landan Juuliyaanaa Kamiing "afuuffeen pilaastikaa haaraan kunnneen cimoo fi dhisamuu akka danda'anitti oomishamu"jette.

    Haa ta'uu malee, kun keemikaalota salphaatti akka hin bosbosneenii fi summaa'oo isaan godhan akka dafanii gad lakkisan ni taasifamu" jedhan.

    Afuuffeewwan keenya garuu salphaatti kan bosbosanii fi keemikaatota summaa'oo naannoo faalan malee kan oomishamani" jette.

    Diggisiiwwan hedduun qopheessuu fi namoota bebbeekamoo waliin kan hojjettu Shaarlat Meeliyaa, afuuffeewwan hedduuun dabaalamuun wana baramaa dhufe.

    Meeliyaan dhiibbaan afuuffeewwan kunneen naannoorratti qabaatan akka ishee yaaddessu himte.

    Meeliyaan qorattoonni argannoo isaanii afuuffee irratti milkaawan kana oomishoota pilaastikaa kaaninis dabaluu qabu abdii jedhu akka qabdu himte.

  4. Israa'el qe'ee Weest Baank qubattoonni marsanitti waraana dabalataa erguufi

    Waraanni Israa'el qubattoota Yihuudootaa mandara maatii Filisxeemootaa marsan duubatti deebisuu dadhabuu isaa hordofee loltoota dabalataa Weest Baankitti bobbaasuuf akka jiru beeksise.

    Qubattoonni Yihudaa Dilbataa kaasee qe'ee maatii Filisxeemotaa marsuun maatii kanneen mana keessatti danqanii turan.

    Maatiin Abuu Reedii fi Hasan kan qarqara magaalaa Qusraa kan kibba Naablas jiraatan sababa kanaan nyaataafi bishaan fixanii rakkkachuun iyyachaa turan.

    Dhimmi kun yeroo dhiyoo xiyyeeffannaa argateera. Sababa gaafatama dhabuu qubattootaafi humni Israa'el waan kana furuu dhabuutiin.

    Viidiyoon waan taatee kanaa halkan keessa Qusraatti waraabame boorataa (buldoozarii) dabalatee konkolaattonni humnoota Israa'el qe'ee kanatti mul'achuu agarsiisu.

    Suuraa boodarra guyyaa keessa baheen immoo - humnoonni Israa'el hiriira qabatanii gara qe'ee Filisxeemotaa kanneen imalaa jiraachuu mul'isu. Naannichi waraanaan cufameera.

    Miidiyaan naannoo buufatni qubattoota Israa'el naannicha jiru diigamuu mul'isu.

    Qubattoonni Israa'elii Dilbataa kaasee qe'ee maatii Filisxeemota lamaa kan Weest Baank marsanii jiru, sababa kanaan maatiin kunneen waan mana keessaa qaban fixatanii jiru, dhaabbileen mirga namoomaa aangawoonni akka furmaata kaa'an waamicha gochuu BBC'n gabaasee ture.

    Halkan irra deebiin qe'ee maatii kanaa kan haleelan qubattoonni, sababa waraanni achi tureef garuu dhokatanii jiru.

    Obboleessi Abuu Reedii - achirraa qabeenya qabu- daldalaa kan ta'e, eenyummaa Filisxeemii fi lammummaa Ameerikaa qabu, Imbaasii US akka dhaqqabuu iyyateera.

  5. Iraan Ulaa Hormuuz to'annoo koo jala jira jetti, US immoo lakkii to'annoo koo jala jetti

    Hogganaan humna addaa Baasiij, Huseen Taa'ib, Kamisa Ulaan Hormuuz "to'annoo fi bulchiinsa Iraan jala jiraachuu" dubbachuu isaanii Rooytarsi Miidiyaa gariin kan mootummaa ta'e Fars News Agency wabeeffachuun mirkaneesse.

    Yaadni qondaala kanaa Piredant Tiraamp Ulaan Hormuuz "guutummaa to'annoo US jala jira" jechuun miidiyaa hawaasaa ofiisaaniirratti barreesuu booda dhagahame.

    "US Ulaa Hormuuz guutuutti to'attee jirti. AKKAN YAADUTTI ITTI FUFNA! Uggurri humna galaanaa keenyaa akka hunduu jedhe "DALLAA SIBIILAA TI," Iraan homaa gochuu hin dandeessu" jedhe Tiraamp.

    "Humna Galaanaa hin qaban, Humna Qilleensaa hin qaban, loltoonni hafan mindaa kaffalamuufuu hin qaban, humni Eegdota Warraaqsaa Iraan burkutaayeera, dooniiwwanii fi "hoggansi" isaa shakkii keessa jira. Maallaqa hin qaban. Biyyattiin rukutamte" jedhan Tiraamp yaada Truth social irratti Hagayya 12, 2026 barreessen.

  6. Ameerikaan yaada Isra'el loltootashee Libaanos keessa tursiisuu qeeqxe

    Ameerikaan yaada Israa'el loltootashee kibba Libaanos keessa tursiisuuf qabdu qeeqxe.

    Qeeqni Ameerikaan kun kan dhaga'ame Ministirri Ittisaa Israa'el kan ta'e Israa'el Kaatiz loltoonni biyyattii kibba Libanaos keessa akka turan dubbachuun boodadha.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa akka jedhetti, Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabajuun bakka qabatte keessaa akka baatu eega.

    Kaatiz yaada kana kan kenne wayita kibba Libaanos daawwatee humnoonni Israa'el bakka qabatan keessaa manneen akka itti fufanii diigan mirkaneessetti ture.

    Ministirri Muummee Libaanos Nawaaf Salaam ammoo gochi Israa'el manneen diiguu seera idil-addunyaa kan diigudha.

  7. Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?

    Tibbana miiidiyaalee hawwaasaa irratti xiyyaara waraanaa Itoophiyaati kan jedhame kufee caccabuun dubbii ijoo taheera.

    Kaan suuraa fi viidiyoo qooduun hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootu kuffiise jechuun qoodan.

    Mootummaan Itoophiyaas tahe Humni Qilleensaa biyyattii dhimma kana ilaalchisee ibsa kenne hin qabu.

    Humna Qilleensaa irraa odeeffannoo argachuuf BBCn yaalee hin milkoofne.

    Jiraattonni aanaa Booraa BBC'n dubbise xiyyaarri waraanaa kufuu dhageenyeerra. Gaafa Kibxataa akka kuftee caccabdee fi paayileetonni paaraashuutiin keessaa akka bahan dhageenyeerra'' jedhan.

    Jiraattonni maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan kunneen qaamaan bakkicha deemnee arguu baannus dhugaa tahuu mirkaneeffanneerra jedhan.

  8. Iraan adeemsi waliigaltee nagaa Ameerikaa waliin taasifame deebisuu jalqabame akka hin jirre ibsite

    Carraaqqiin waraana Baha Giddugaleessaa keessatti deemaa jiru dhaabsisuuf Iraan fi Ameerikaan waliigalteerra akka gahan gochuu sababa wal gaarerfannaa gidduusaanii jiruun ammallee itti ba’isaa hin baramiin jira.

    Aanga’aan Iraan Rooyitarsitti akka himetti, waliigaltee nagaa yeroodhaaf Waxabajji keessa irra gahame yaaliin hojiitti akka hiikamu gochuurratti fooyya’insi taasifame hin jiru.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa:

  9. ASHAMAA

    Toora oduu kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    • Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu
    • Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?
    • Dirooniin 'humnoota Tigraay sadii ajjeesee, torba madeesse'
    • Yaaddoo Iraan Tiraamp konkolaataa nyaata baatu keessa dhokachuun xayyaara akka jijjiiratan taasise
    • Himatamtoonni dhimma isaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti miidiyaarrattii ibsa kennuu danda'uu?

    Kanneen jedhaniifi kaan biroo argattu.

    Dhiyaadhaa!