Iraan, waliigaltee nagaa yeroo US waliin ture lafaa kaasuuf jijjiiramni mul'ate hin jiru jette

Madda suuraa, Getty Images
Iraanii fi US carraaqqii waliigaltee waaraa waraana Galoogalaanaa dhaabsisuu irratti garaa walitti jabaachaa jiraachuu qondaalli olaanaan Iraan tokko himuu Rooytarsi gabaase.
Qondaalli Iraan kun marii biyyoota lamaanii Adoolessaa waliigalame lafaa kaasuu akkasuma beellama haaraa yeroo hojiirra oolmaa qabachuu ilaalchisee jijjiiramni homaatuu hin jiru jedhan.
Yaadni qondaala Iraan kun Kibxata haleellaa dooniiwwanirratti raawwatame booddee Tiraamp hogganoota Iraan arrabsuun, abdiin marii dukkanaawuu akeeke booda dhagahame.
Waliigalteen yeroo Adoolessa keessa mallattaa'een, "duulli waraanaa adda hundumaan battalattii fi karaa waaraan akka dhaabbatu" labsee ture.
Garuu osoo hin bubbulin Adoolessa 07 Tiraamp, "waliigalichi dhumateera" jedhee ture. Ministeerri dhimma alaa Iraanis waliigaltichi "adda cituu" torbaan booda ibse.
US gama isheetiin Iraan waliigaltee Ulaa Hormuuz banuu hojiitti hiikuu dadhabuutiin himatti. Teehraan immoo Ulaa Hormuuz irraa uggura kaasuu dabalatee, qabeenya Iraanirraa uggura kaasuu dhabuun waadaaa ishee kabajuu hin dandeenye jetti.
"Dubbiin ijoon tokko kan karaa jaarsolii araaraa mari'achaa jiran gara waliigaltee yerootti akka deebi'anii fi waan irratti waliigalan hojiitti hiikuuf yeroo kaawwachuu kan jedhu. Maddi Iraan dhimma kana ilaalchisee jijjiiramni homaatuu hin jiru" jedhu.







