Waraana Iraan: Carraaqqiin dippilomaasii cimee itti fufeera
Ajajaan waraanaa Paakistaan Asim Muniir Iraan fi Ameerikaa gidduutti fala barbaaduuf Teehiraan jiru.
Qajeelchi sabaa-himaa waraanaa Paakisaan ibsa baaseen akka ibsetti, daawwannaan aanga’oota biyyattii Iraanitti taasisan qama Paakistaan “nanano Baha Giddugaleessaa keessatti nagana akka dhufu gochuuf wal dhibdee jiru kanaa nagana akka furamu gochuuti”.
Burqaan oduu Iraan IRNA akkas jechuun barreesse: "Hanqiniin irra deddeebiin uumamanillee Asim Muniir gara Teehiraanitti yeroo afuraffaaf deddeebiyuun Iraan fi Ameerikaa gidduutti daandii dippilomaasii karaa Paakistaan fala nagaa barbaaduu agarsiisa," jedhe.
IRNA'n itti dabaluun ejjennoon dippilomaasii Iraan: "Sadarkaa jalqabaarratti, Iraan US wal hubannaa (MoU) hojiirra akka oolchitu waadaa galte garuu hin raawwatiin jirtu akka irra deebitee ilaaltudha".