Chaayinaan haala Baha Giddu-galeessaa irratti ibsa kennite

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Wang Yi, haalli Baha Giddugaleessaa fi naannoo Galoofta Persiyaa sadarkaa baay’ee yaaddessaa irra ga’uu isaa dubbatan.
Wang, qaamoleen walitti bu’iinsa keessa jiran hatattamaan gara marii fi waliigaltee nagaatti akka deebi’an waamicha dhiyeessan.
Wang kana kan jedhan, Beijing keessatti Ministira Dhimma Alaa Kuweet, Sheikh Jarraah Jaaber Al-Ahmad Al-Sabaah, waliin marii taasisaniin.
Akka Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa kun jedhanitti “maraanmartoon walitti bu’iinsaa kanaan dura ture irra deddeebi’amun uumamuu hin qabu” jedhan. Yeroo ammaa dursi tasgabbii uumuuf kennamuu akka qabu ibsan.
Chaayinaan Kuweet waliin tumsa fi qindoomina ishee cimsuuf qophii ta’uu, akkasumas nagaa fi tasgabbii naannichaa deeggaruuf ni hojjatti jedhan.
Waamichi Chaayinaan taasifte kun yeroo Ameerikaan Iraan irratti dhiibbaa diinagdee cimaa gochuuf akeekkachiisaa jirtutti.
Ameerikaan biyyootaa fi dhaabbilee Iraan waliin daldalan irratti tarkaanfii qoqqobbii dinagdee fudhachuuf akka jirtu himte.
Iraan gama isheen dhiibbaan diinagdee itti fufnaan. ulaa Hormuz keessa dooniin tokkollee hayyama ishee malee akka hin sochoone akeekkachiisa haaraa baaftetti.










