Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

US qiyyaafannoo Iraan 170 yoo rukuttu, Iraan immoo biyyoota sadii qiyyaafatte

US halkan lama keessatti Iraan keessatti qiyyaafannoowwan 170 rukutuu himte. Kuni haleellaa marsaa lammataa US Iraan keessatti sa'aatii 48 darbe raawwattedha.

Guduunfaa

  • Ulaa Hormuuz irratti dooniiwwan haleelamuu booda US fi Iraan wal haleelan
  • US bidiruwwan Iraan 60 dabalatee qiyyaafannoowwan 80 caalan haleeluu himte
  • Iraan ammoo wiirtuuwwan waraanaa US kanneen Bahreen fi Kuweet keessatti argaman haleeluun haaloo ba'uu himte
  • Biyyoonni lameen waliigaltee walhubannoo ji'a darbe irra ga'an booda marii eegalan sababa sirna awwaalchaa hoogganaa duraanii Iraan torbee tokkoof adda kutanii jiru
  • Haleellaan amma eegalame kun waliigaltee kana faallessa jechuun biyyoonni lameenuu himata dhiheessaa jiru
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hegseet haleellaa Hormuuz keessaa hordofee imala gara Israa'el haqe

    Giddu-galeessa Bahaatti muddamni hammaachaa dhufuu hordofee, Ministirri Ittisa US Piit Hegseet imala har'a gara Israa'elitti gochuuf ture akka haqe BBC'n mirkaneeffateera.

    Hegseet Prezdantii US Donaald Tiraamp wajjin kora NATO irratti hirmaachuuf Turkii ture.

    Karoorri daawwannaa Israa'el kun ifatti Ameerikaa ykn Israa'eliin hin ibsamne ture.

    Maddeen oduu garaagaraa akka gabaasanitti, daawwannaan kun yaaddoo Israa'el dhimma xiyyaarota waraanaa F35 gara Turkiitti gurguruu kan ilaallatuu fi kaan dabalata.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu gurgurtaan xiyyaarota waraanaa F35 dogoggora akka ta'e dubbataniiru.

    Israa'elis ta'e Ameerikaan haqamuu imala Heegset kana irratti ifatti yaada hin kennine.

    Pirezdant Donaald Tiraamp Kibxata darbe, qoqqobbii Tarkiin misaayeloota Raashiyaa akka hin binne US irra keesse kaasuuf akka jiran dubbatee ture.

    Asumaanis biyya michuu NATO taatee tanaaf F-35 gurguruuf Ameerikaan fedhii akka qabdu agarsiiseera Tiraamp.

    Tarkaanfiin kun immoo Kongireesii keessatti mormii jabaan isa quunnamuu danda’a jedhameera.

  2. Diraamaa tapha Waancaa Addunyaa Masirii fi Arjantiinaa

    Yeroo yeroon idilee taphaa xumuramuuf daqiiqaan 12 hafu Masriin seenaa Waancaa Addunyaa keessatti sadarkaa gahanii hin beeknerra gahuu amananii ture.

  3. FIFA'n himannaa arrabsoo sanyummaa IShowSpeed irratti raawwatame jedhamu qorachuu jalqabu ibse.

    Federeeshiniin kubbaa miilaa addunyaa, FIFA'n, dargaggeessa Ameerikaa miidiyaa hawaasaa irratti hojjatu Daaren Jaason Waatkins ykn maqaa IShowSpeedin beekamu irratti arrabsoo sanyummaa raawwatame jedhamu qorachuu jalqabuusaa beeksise.

    Taateen kun torban darbe yeroo taphni Arjentiinaa fi Keep Vardee gidduutti taphatamee turetti raawwate.

    IShowSpeed YouTube irratti hordoftoota miliyoona 57, TikTok irrattis miliyoona 53 qaba. Yeroo ammaa taphoota Waancaa Addunyaa Ameerikaa keessatti gaggeeffaman kallattiin tamsaasaa jira.

    Tapha Arjentiinaan Keep Vardeen 3–2n injifatte irratti uffata garee Cape Verde uffatee istaadiyeemicha keessa ture. Achis deeggara Arjentiinaa tokko waliin mormii keessa galan.

    Namni kun afaan Ispeeniin 'deemi daggala bineensotaa keessatti boo'i ("go cry to the zoo.")jechuun arrabsoo sanyummaa fayyadame jechuun himatame.

    Wal mormiin isaanii sun kallattiin miidiyaa hawaasaarratti tamsa'aa kan ture yoo ta'u, sana booda dubbichi bal'inaan mormii kaaseera.

    Kana irratti hundaa'uun FIFA ibsa baaseen taatee kana qorannoo saffisaa jalqabuusaa beeksise.

    FIFA'n ibsa isaa keessatti Waancaan Addunyaa tokkummaa, danoomaa fi wal kabajuu jajjabeessuuf qophaa'e malee bifa gogaatiin qoodinsi akka umaamuuf miti jechuun ibse.

    Himannaan IShowSpeed irratti dhiyaate kun kan dhaga'ame taphataan Faransaay Kylian Mbappé miseensa mana maree Paaraaguway tokko irratti himannaa walfakkaataa erga dhiyeesse booda ture.

  4. Ejensiin galaanarraa UN dooniiwwan imala Ulaa Hormuuz keessaa akka dhaaban gaafate

    Imala galaanarraa kan to'atu dursaan Dhaabbata Galaanarraa Idil-addunyaa (IMO) haleellaa dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaarratti guyyoota lamaan darban raawwatame balaaleffate. Dooniiwwan ulaa kana irra imaluu akka dhaabanis gaafate.

    "Haleellaan maal na dhibdee kunneen irra deebiin imaltoota galaanarraa nagaan socho'an balaarra buuse" jedhan Barreessaa Olaanaan IMO Arseeniyoo Doominguu'ez.

    "Hanga nageenyummaan tuuta imaltootaa hin mirkanoofnetti, alaabaa biyyootaa, abbootiin qabeenyaa doonii, hojjettoonni galaanarraa fi aangawoonni dhimmi kun isaanii ilaallatu imala dhaabuun saaxilamummaa ulaa galaanaa kanarratti mudatu akka hambisanin waamicha godha" jedhan.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu US fi Iraan hordofee taankaroota boba'aa dabalatee imalli dooniiwwanii ulaa kana keessaa itti fufee ture.

    Hanga Adoolessa 05, 2026 Ulaa Hormuz keessaa dooniiwwan 211 cehuu xiinxalli imala dooniiwwanii Lloyd’s ni agarsiisa. Ammallee garuu sochii waraanaan dura turee gadi. Waraanaan dura dhaqaa gala ulaa kana keessa guyyatti dooniwwan 138tu ceha ture.

    Gabaasni dabalataa Dursaa IMO Arseeniyoo Doominguu'ez irraa bahe akka ibsutti, imaltoonni 6,000 dooniiwwan dhibbaan lakkaawaman Ulaa Hormuuz keessatti danqamanii jiru.

    Haleellaan guyyoota dhiyoo as dooniiwwan irratti raawwatame imaltootarratti "sodaa, shakkii fi dhiibbaa qorqalbii" uumeera.

    Imaltoonnio 6,000 fi dooniiwwan sababa kanaaf ooniiwwan Galoogalaana Pershiyaa keessaa nagaan bahuuf rakkatan.

    Ji'a Bitootessaa keessa, osoo Ameerikaa fi Iraan waliigaltee karaan galaanaa kun akka banamu gargaaru hin mallatteessin dura, Doomingu'eez akka jedhanitti, daldaltoonni 20,000 ta'an danqamanii turan.

    "Haalli kun utuu hin turin saffisaan akka tasgabbaa'uu" fi dooniiwwan danqaman nagaadhaan akka ba'an akka heyyamamuuf qaamolee hundaaf waamicha dhiyeessan.

  5. Tiraamp waa'ee maree Iraan kanaan dura maal jedhe?

    Yeroo muraasa dura Donaaldi Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu ''xumurameera'' jechuun garuu gareen marii Teehraan waliin haasaa akka itti fufu hime.

    Tiraamp waa'ee waliigaltee kanaa waan goolabee dubbachuun haaraa miti- kanaan dura waan inni jedhe kunooti:

    • Ebla 8- Ameerikaa fi Iraan dhukaasa dhaabuu torbee lamaaf waliigaltee mallatteessaniiru
    • Ebla 21 - Tiraamp dhukaasa dhaabuu torbee lamaa dheeressuu hin barbaadu jedhee ture yeroo dhihootti ''boombiin haleelii mala'' jedha. Guyyuma sana yeroo muraasa booda ammoo gaaffii Paakistaaniin haqamuu hime.
    • Caamsaa 8- ''Dhohinsi guddaan'' Iraan keessaa gaafa dhagahamu addunyaan akka waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka raawwate bara jedhe.
    • Caamsaa 11- Guyyootaan booda ammoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni ''deeggarsa lubbuu baraaruun dhaabbatee jira,'' jedhe
    • Waxabajjii 11- Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu xumuramee akeekee Iraaniin ''akka malee'' haleella jechuun yeroo muraasa boodammoo haqe.
    • Waxabajjii 17- Waraana kana dhaabuuf Tiraamp waliigaltee jalqabaa mallatteessuun booda ''yoo amala hin qabaanne, boombiidhaan mataasaaniirra haleella,'' jedhe.
    • Adoolessa 8- Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ''xumurameera'' garuu marii'attoonni gama lamaa haasaa itti fufu jedhe
  6. Haleellaa US Iraan irratti raawwatte viidiyoon mul'ise

    Yeroo Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwattu viidiyoon mul'ise.

    Magaalaa Bandar Abbaas irratti yeroo haleellaan raawwatu viidiyoon waraabame ibiddi samiitti yeroo laboobu mul'isa.

    Viidiyoo kana irratti US maalirratti akka qiyyaafatte ifa miti.

  7. Ameerikaan waliigaltee 'cabsite' jechuun aangawaan Iraan himatan

    Dubbii himaan parlaamaa Iraan akkasumas Iraan bakka bu'anii kan mari'atan Mohaammad Gaalibaaf Ameerikaan Waliigaltee Hubannoo biyyoota lamaan gidduu mallattaa'e ''cabsite'' jedhanii himatan.

    Aangawaan kuni Yunaayitid Isteet dhimma Ulaa Hormuziin wal qabsiisee akkasumas Iraan irratti haleellaa raawwachuuf doorsisuu fi qoqqobbii boba'aa deebisanii kaa'uuf dhaadatte jedhan.

    Gama Kibba Iraan haleellaan dabalataa raawwachuufi Israa'elis kibba Libaanositti ''weerara'' itti fufte jechuun himan.

    ''Barri doorsisaafi sodaachisoo darbeera. Eessayyuu nu hin geessu. Harka hin kenninu,'' jechuun X gubbaa kataban.

  8. Erga Tiraamp waliigalteen dhukaasaa dhaabuu 'dhumateef' jedhan booda gatiin boba'aa dabale

    Isa Pirezidant Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan ''dhumateef'' jedhan booda gatiin boba'aa dabale.

    Osoo Tiraamp dhimma kana ummataaf hin dubbatiin dura barmeelli tokko dolaara 76 ture.

    Eegasii dolaara 78 gahe, waan dabaluu hedu fakkaata.

  9. Amma nu gahe, Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan waliin ture 'dhumateeraaf' jedhan Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan ''akkan yaadutti dhumateeraaf'' jedhan.

    Yaa'ii Nato Turkiitti adeemaa jiruurratti akkana dubbatan.

    ''Isaan waliin ammaan achi walitti dhufuu hin fedhu, isaan waliin dhooftuudha.''

    ''Hangan beekutti, dhumateera,'' jechuun dabalan. ''Isaan waliin mari'achuun yeroo gubuudha, isaan sobdoota.''

    Biyyoota lamaanirraa jaarsoliin araaraa ''mari'achuu danda'u'' garuu ''yeroo isaanii gubaa jiru'' jedhan.

  10. Hogganoonni Iraan 'kaansarii' fi 'hamoodha' - Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hogganoota Iraaniin cimsanii qeeqan.

    Yaa'ii Nato biyya Turkii keessatti adeemaa jiruun Tiraamp bulchiinsa Iraan amma jiruun ''ummata hamoo'' akkasumas bulchiinsicha ''maraatuu'' jechuun arrabsan.

    Dabaluunis, Tehiraan ammallee meeshaa niwukilaraa oomishuun hin eeyyamamuuf jechuun ejjennoo US irra deebiin ibsan.

    Haleellaa Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa akkasumas Kuweet fi Baahireen irratti raawwate akka fakkeenyaatti eeran.

    ''Kunneen ummata hamoo dhukkubsatoodha,'' jechuun itti fufan.

    ''Kunneen kaansariidha, waan gochuu qabdu beekta - kaansarii dursitee kuttee dhabamsiisuu qabda.''

  11. MM Abiy waa'ee TPLF, ABO maal jedhan?

    MM Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaa ''ofii du'anii nu jiraachisan qeequun'' rakkoo guddaa tahuu himan.

    Magaala Finfinnee dabalatee Baahirdaarii fi Gondaritti boombii qabaa akka turan himan.

  12. Ameerikaa fi Iraan haleellaa walirratti banan

    Ajaji Giddugaleessaa US- Centcom, erga dooniiwwan sadi osoo boba'aa baatanii Ulaa Hormuuz keessa darbanii haleelamanii booda Iraan haleeluu ibse.

    US haleellaa kanaan qiyyaafannoowwan 80 caalan irratti xiyyeeffachuu himte.

    Bidiruuwwan Iraan Ulaa Hormuuz irratti bobbaaste 60 ta'an xiyyeeffannaa haleellaa US turan.

    Akkasumas wiirtuuwwan Iraan irraa misaa'ela dhukaastuu fi wiirtuun ajaja waraanaa biyyattii haleelamaniiru.

    Iraan ammoo buufataalee humna waraanaa US kanneen Bahreen fi Kuweet keessatti argaman haleeluun haaloo baate.

    Haala kanaan waliigalteen waraana Guraandhala 28 eegale dhaabsisa jedhamee yaadame yaaddoo keessa galeera.

  13. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii Roobii, Adoolessa 8, 2026 eegalleerra. Ji'a darbe dhukaasa dhaabuuf kan waliigalan US fi Iraan amma wal haleeluutti deebi'aniiru.

    Odeeffannoo kanarratti xiyyeeffachuun waan haaraa isin biraan geenya.

    Odeessaalee biyya keessaa fi biyyoota addunyaarra jiranis karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!