Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abigaayil Birhaanee: Dubartii Yunvarsiitii Kambiriijitti seenaa hojjette
Abigaayil dubartii cimtuu ijoollummaasheerraa galma gahuu barbaadurraa wanti ishee daangessu akka hin jirre, ofitti amanamummaa guddaadhaan guddatte.
Waggoota darban kana keessatti badhaasota adda addaa gonfattee jirti. Adeemsa badhaasota fudhachuu kana keessatti ammoo mootii UK dabalatee namoota jajjaboo hedduu waliin walarguuf hiree argatteetti.
Dubartiin cimtuun kuni tibbana Yunvarsiitii beekamaa Kembiriij irraa PhD dhaan eebbifamte.
Kanaanis laaboraatoorii Kiwiitil irraa qabxii olaanaan kan eebbifamte dubartii gurraattii jalqabaa ta'uu dandeesseetti.
Ijoollummaasheerraa kaasuun injinariingiif jaalala guddaa kan qabdu Abigayil, "Ijoollummaakoorraa kaasuun Fiiziksii, Herreega fi saayinsii nan jaaladhan ture" jetti.
Yeroo barattuu kutaa 11ffaa turtetti wanti ishee mudate garuu kallattii imalashee gara fuula duraa kan jijjiire ture.
Hiriyoota mana barumsaashee waliin ta'uun laaboraatoorii Fiiziksii guddicha biyya Siwizerlaand daawwatte. Kunimmoo barnootasheerratti kaka'umsa dabalataa uumef.
Laaboraatoorichi daangaa Faransaayii fi Siwizerlaand irratti lafa jala meetira 50 hanga 175 jalatti kan ijaarame yoo ta'u, Addunyaarraa qorannoo guddichi Haayidiroo Kolaayider jedhamu bakka itti adeemsifamudha.
"Garas deemee wadaroo elektiriikii isaan diriirsan yoon ilaaalu injinara ta'uun hangam akka nama gammachiisu yaaduukoo nan yaadadha" jetti.
Abjuushee siwizerlanditti galeeffaatte kana milkeeffachuufis waqtii gannaatti barnoota dabalaataa Fiiziksii, Herreega fi Koodingii barachuuf murteessite.
Landanitti barnootaashee sadarkaa duraa fi sadarkaa lammaffaa erga xumurteen booda qabxii olaanaa galmeessisuun yunvarsiitii seente.
Daangaa galaanaatti kan argamtu magaala bareedduu Biraayitanitti imaluudhaan Yunvarsiitii Saaseeksitti Mekaanikaal Injinariingiidhaan digirii jalqabaatiin eebbifamte.
Garuu gaafa eebbifamtee baatu waa'ee 'Filuud Manaaniksii' gaaffiiwwan sammuushee keessa deddeebi'an osoo deebii hin argatiniif baate.
Filuud Mekaaniksiin bakka diriiraa ta'e kamirrattuu amala sochii wantoota dhangala'oo kan qoratu yoo ta'u, injinariingii hawaa keessatti kutaa isa guddaadha.
Gaaaffii sammuushee keessa deddeebi'e kanaaf deebii barbaacha barnoota maastersii fi PhD barachuuf murteessite.
Carraa barnoota tolaatiif iyyattee fudhatama argachuun gara Yunvarsiitiitti barnootaaf deebite.
Motoroota xiyyaaraa hojjechuun kan beekamu Rooyis Rools ammoo barnootashee maastersii fi PhD akka ishee deeggaru gaafa barte ammoo caalattuu gammadde.
Jireenya Yunvarsiitii Kambiriij
Abigaayil arginee kan dubbisne magaala London irraa fageenya 80 Km irratti kan argamtuu fi barattoonni, barsiisonnii fi hojjettoonni yunvarsiitii baayinaan kan itti argaman Magaala Kembiriijitti.
Haallis siyaas dinagdee magaalatti kan hundaa'ee fi bu'uureffame addunyaarraa yunvarsiitii beekkamaa fi adda duree keessaa tokko kan ta'e yunvarsiitii Kembiriij Hordofeeti.
Bara 1209 kan hundaa'e yunvarsioitiin kuni Yunvarsiitiiwwan Oksifoordii fi Harvaard waliin walqixa yoo ta'u, chaarles Darwiinii fi Isteefen Hawkiingi dabalatee gaggeesitootni hedduun kan keessaa bahani.
Abigaayil garuu yunvarsiiticha yoo ibsitu 'Yunvarsiitii Firaank Wiitilii fi Alan Turiin keessaa bahani' jechuun ibsuutu ishee qana'a.
Firaank Wiitil bara 1996 kan du'e yoo ta'u, balaliisaa fi kalaqa motora xiyyaaraa keessatti warra gahee adda duree taphatan keessaa tokko. Abigaayil damee injinariingii maqaa isaatiin moggaafame Wiitil Laboraatooriitti ramadamte.
"Xiqqoo miirrii dandeetti ofii shakkuu natti dhagahamee ture. garuu milkaa'inoota gurguddoon keessa dhufe yaadatii kanas milkeessuu akkan danda'u of amansiisuun laayyoo hin turre " jetti.
Laaboraaatoorii Wiitil irraa dubartii Gurraattii PhD'n eebbifamte jalqabaa
Bara 1973 Firaanki Wiitiliin kan eebbifamee baname Laaboraatooriin kuni yeroo dhihoo asitti qalbii dhaabbilee aviyeeshinii fi gaggeesitootaa hawwachaa jira.
Waggoota darban keessa mootiin UK laaboraatoorii kana daawwataniiru. Chaarles Saalsaawiinis yeroo afur Laaboraatoorii kana daawwataniiru.
Abigayil Yunvarsiitii beekamaa kanarraa maastersii fi PhD dhaan dubartii Gurraattii jalqabaa eebbifamte ta'uusheen "Kabaja guddaadha. Garuu itti gaafatamummaadhas. Dhaloota guddina akka kiyyaa qaban qorannoo ajaa'ibaa gochuuf fakkeenya gaariin ta'a" jetti.
Sadarkaa idil addunyaatti seektara injinariingii Aviyeeshinii fi hawaaa keessatti hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin yoo walbira qabamu harka 9 hanga 15 qofa.
Dhiheenya erga PhD dhaan eebbifamtee booda barnoota PhD boodaaf dhaabbanni motora xiyyaaraa omishu Rools Rooyis bakka guddaa kan kennuuf 'Eeroo Injin' keessatti qorannoo taasisaa turte.
Dubartoota gama Teeknolojii, kalaqaa fi Saayinsiin
Dameewwan saayinsii, teeknolojii, injinariingii fi Herreegaatiin hirmaannaan dubartootaa laafaa ta'uun nihimama.
Fakkeenyaaf UK keessatti hammeentaan dubartoota damee kanarratti hirmaatanii harka 27 hin caalu. Karaa injinariingii qilleensaatiin ammoo hirmaannaan dubartootaa haalan haaraadha.
"Gufuuwwan hedduutu jira. inni tokko hirmaannaan dubartootaa Herreegaa fi saayinsii keessatti sooftiweerii irratti qofa kan daanga'e ta'uudha. Hardiweerii keessatti dubartoonni hojjetanii fakkeenya ta'an hedduu hin jiran."
"Maashinoota tokko tokko yoo ilaallu kan hin yaalamne fakkaatu. Garuu kanas taanaan dubartoonni gochuu akka danda'an amanuu qabu" jetti.
Ofiisheef maashinoota gurguddoon yaa hafuutii maashinootuma xixiqqooyuu fayyadamaa akka hin guddanne kan himtu Abigaayil, hojiiwwan ijoollee dubartootaa gara qorannoowwan laaboraatooritti jajjabeessan dadammaqiinsa uumaa turuu eerti.
Muuxannoosheerraa dubartootaafis ergaa qabdi. "Qorannoo doktareetii kiyyaaf iyyata galchuun dura piroofeesarootaa fi doktaroota damee sana keessa jiran walqunnamuu fi namoota supparvaayizara naaf ta'an argachuukooti"
"kuni baayyee murteessaa ta'uusaa hubadheera. Sababni isaas gara fuuladuraa qorannoon irratti hirmaachuu danda'u akka qaban carraa naaf uumeera" jetti.
Maatiinshee kan Eertiraa keessatti dhalatanii guddatanii fi yeroo waraana bilisummaa Eertiraaf taasifamaa ture baqatanii kan bahan maatiinshee bu'uura milkaa'inashee cimoo ta'uus eerti.
"Abbaankoo Doktareetii qaba. Yeroon waggaa shan ture doktareetiin maal akka ta'e nan beekan ture. haatikoots ogeettii herreegaati. Yeroo hunda hojii manaakoo nagargaarti ture. dandeettii waa hubachiisuu cimaa qabdi"jetti.
Bilisummaa Eertiraa keessatti gahee dubartoonni bahatan dhagahaa guddachuunshees dubartoonni sababa saalaatiin qollifamuu akka hin qabne hubachuushees himti.
Badhaasotaa fi Beekmatii
Abigaayil imalashee gabaabaa fi milkaa'aa kana keessatti badhaasota hedduu gonfatte.
Inni jalqabaa badhaasa 'Emiliyaa Eriharti Feloowship' yoo ta'u badhaasa maallaqaa dubartoota barnoota PhD hordofaniif qofa kennamu.
Lammiin Ameerikaa Eeriharti, bara 1932 dubartoota jalqabaa galaana Atilaantik xiyyaara balaliisanii qaxxaamuran keessaa tokko turte. Gargaartuu balaliistuu Fard Nunan jedhamtu waliin dachee yeroo xiyyaaran naanna'an galoo Salamawii keessatti erga badanii booda hin argamne.
"Imaaliyaa Eerharti dubartoota milkaa'oo ani dinqisiifadhu keessaa ishee tokko. kanaaf fakkeenyakooti" jetti Abigaayil.
Abigaayil barattoota ciccimoo Kembiriiji Muraasa qofaaf kaan kennamu badhaasa CSAR jedhamus injifatteetti.
Qorannoon isheen taasiftes motoroota Rool Rooyis akka fooyyessu eegama.
Kanaan alattis Dr. Abigaayil badhaasotaa fi onnachiistuuwwan biroo argatteetti. "Carra qabeettiidha ani. Baayyee na onnachiiseera" jetti.