Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guyyoota 115, balalii xiyyaara dhuunfaa 39, filannoo tokkicha-gochaa Infaantiinoo
Pirezidaantiin FIFA, Jiyaanii Infaantiinoo qooda Waancaa Addunyaa invastaroota dhuunfaatti gurguruu karoora jedhu erga ifoomsanii xiyyaara dhuunfaatiin hagam akka addunyaa naanna'an saaxilame.
Qorannoon BBC Sport akka agarsiisutti, Adoolessa 28 irraa eegalee, Infantino xiyyaara dhuunfaatiin yeroo 39 imalaniiru.
Kana jechuun guyyoota sadii keessatti yeroo tokko imaluu isaanii agarsiisa. Balalii isaanii kanaan biyyoota garaagaraa 32 daawwataniiru.
Guyyoota 115 keessatti, maayilii 102,800 ol balali'aniiru. Guyyoota sagal qilleensarratti dabarsaniiru jechuudha.
Namoonni isaan qeeqan garuu qabeenya dhaabbatichaa fayyadamuun filannoo dhufaa jiru irratti deeggarsa argachuuf imalaa ture jedhan.
FIFA garuu, Infantino pirezidaantii dhaabbatichaa akka ta'anitti konfedereeshinoota kubbaa miilaa, miseensota waldaalee 211, namoota siyaasaa fi dhaabbilee idil-addunyaa waliin hariiroo gaarii cimsuun dirqama hojii isaanii ta'uu ibse.
Haa ta'u malee, yeroo wal fakkaataa bara 2025 keessatti biyyoota 18 qofa kan daawwatan yoo ta'u, yeroo kana lakkoofsi biyyoota isaan daawwatan sun dachaan dabale.
Karoora isaanii "FIFA Forward Enterprise (FFE)" jedhuun qooda Waancaa Addunyaa fi dorgommilee FIFA biroo invastaroota dhuunfaatti gurguruu yaaluun isaanii yeroo ifa bahetti qeeqa cimaa addunyaa guutuu irraa kaasee ture.
Mormiin sun amma tasgabbaa'eera. Filannoo dhufaa jiru irrattis morkii jabaan akka yeroo sanaa isaan mudata jedhamee hin eegamu. Yaada isaanii kaasuun dhiifamas gaafataniiru.
Morkattoonni isaanii imalli isaanii bal'aan kun bara aangoo isaanii dheereffachuuf jecha kan tahedha jedhu.
Kana malees, imalli xiyyaara dhuunfaatiin taasifamaa jiru kun waa'ee eegumsa naannoo xiyyeeffannoo keessa hin galchine jechuunis qeeqamaniiru.
Hogganaa Koree Bulchiinsa FIFA duraanii Miguel Maduro akka jedhanitti, imalli kun "kutaa duula filannoo isaanii" dha.
Maduro BBC Ispoortitti yeroo dubbatan akkana jedhan:
"Rakkoon guddaan FIFA keessatti seerri baasii duula filannoo to'atu dhabamuu isaati. Pirezidaantichi hojiifan imala jechuu danda'a; garuu yeroo wal fakkaataatti hojii sana duula filannoo isaatiif fayyadamaa jira."
"Namni isa morkatu kamiyyuu maallaqa haga kanaa baasuun itti ulfaata jechuun Infaantinoo qeeqan.
Infantino karoora qooda Waancaa Addunyaa abbootii qabeenyaatti gurguruu dhiisuu isaanii dura, waldaalee kubbaa miilaa miseensota FIFA 211 hundaaf xalayaa barreessuun, yoo karooricha deeggaran tokkoon tokkoon isaanii doolaara miiliyoona 40 akka argatan waadaa galaniiru.
Balalii Infaantiinoo akkamiin bira gahame?
BBC Sport odeeffannoo bakka Jiyaanii Infaantiinoo deemaa turee fi yeroo imala isaa irraa, maxxansa inni miidiyaa hawaasummaa irratti qoodu irraa walitti qabe.
Infantino hooggantoota kubbaa miilaa, mootummaa fi dhaabbilee adda addaa waliin wal arguuf akkasumas sirna eebbaa fi walga'iiwwan irratti hirmaachuuf imalaa ture.
Xiyyaaroonni dhuunfaa inni fayyadame kan dhaabbata Qatar Executive qaama Qatar Airways Group taheeti. Inni ammoo ispoonsera FIFAti.
BBC Isporti akka ibsetti, Hagayya irraa eegalee yoo xiqqaate yeroo 39 xiyyaara dhuunfaatiin imaleera. FIFA lakkoofsa kana hin mormine.
FIFA'n imalli hundi dambii dhaabbatichaa keessatti kan raawwatamu ta'uu ibse.
Haa ta'u malee, fayyadamni xiyyaaraa dhuunfaa kun maallaqa isponsara Qatar Airways irraa argamu waliin akkamiin deeme kan jedu yaada hin kennine.
Hoogganaan Koree bulchiinsa FIFA duraanii Miguel Maduro immoo, Infantino hojii isaanii akka pirezidaantii FIFA fi akka kaadhimamaa filannoo walitti makaa jiru jechuun qeeqeera.
Akkasumas FIFA keessatti baasii duula filannoo to'atuuf dambii ifaan kaa'ame akka hin jirre dubbateera.
Infaantiinoon xiyyaara dhuunfaa fayyadamuun yeroo balali'e qilleensarra sa'a 213 fi daqiiqaa 49 dabarseera.
Xiyyaarri inni fayyadamaa ture ammoo qilleensa gubataa toonii 1673 qilleensatti gadhiisa.
Kana jechuun hamma qilleensa gubataa namoonni 252 waggaatti naannootti gadhiisaniin wal qixa taha.
Kanaaf eegumsa naannoof xiyyeeffannoo hin kennine kan jedhameefis.
Dabalataan FIFA'n yeroo darbe lakkoofsa biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan dabaluufi dorgommicha biyyoota hedduu keessatti qopheessuun imalli dabalataa akka uumamu taasise jedhamuunis qeeqameera.
FIFA maal jedhe?
Dubbii himaan FIFA akka jedhetti, kaayyoon FIFA kubbaa miilaa guddisuu fi addunyaa mara keessatti babal'isuudha.
"Pirezidantiin FIFA waldaalee kubba miilaa, konfedereeshinootaa fi dhaabbilee idil-addunyaa waliin hariiroo cimsuuf addunyaa naanna'ee imala.
Dorgommiiwwanii fi hojiiwwan FIFA garaagaraarratti hirmaata; yeroo danda'amettis waldaalee miseensota FIFA daawwata.
Imalli hundi dambii FIFA waliin kan walsimuu fi baasiiwwan hundi gabaasa waggaa keessatti ifaan maxxanfamu'' jedhe.
Maallaqni FIFA kan waldaalee miseensota 211ti; dorgommii itti aanuuf invastimantiin doolaara biiliyoona 6.35 ramaduun keenya hojii kubbaa miilaa addunyaa mara keessatti guddisuuf agarsiisa."