Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ulaa Hormuuz keessatti doonii boba’aa fe’atte biraa haleelamte

Ulaa Hormuuz keessatti doonii boba’aa fe’atte biraa haleelamuu Dhaabbanni Daldala Galaanarraa UK (UKMTO) beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan qoqqobbii Ameerikaa jala jiraattus maallaqa biyya alaa gahaan qaba jette

    Gaggeessaan Baankii Giddugaleessaa Iraan, Abdolnaser Hemmati, Iraan qoqqobbii Ameerikaa jala jiraatus maallaqa biyya alaa gahaa qabdi jedhan.

    Hemmati akka jedhanitti, Baankiin Giddugaleessaa gatii sharafa alaa tasgabbeessuuf hanga doolaara biiliyoona lamaa gabaa keessa galchuu danda’a.

    “Iraan maallaqa biyya alaa ni qabdi, gahaas qabdi,” jechuun Hemmatin duula dinagdee Pireezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp Iraan irratti dabarsaniif ergaa deebii fakkaatu dabarsaniiru.

    Qondaalli Iraan kun Baankiin Giddugaleessaa maallaqa biyya alaa irraa argamu walitti qabaa jiraachuus ibsan. Akkasumas, Iraan kuusaa maallaqaa biyya keessaa fi qabeenyaalee biroo qabdi jedhaniiru.

    Haa ta'uu malee hanga maallaqa biyya alaas ta'ee qabeenya kuufamaa qabdu sanaa lakkoofsan hin ibsine

  2. Ameerikaan waliigaltee Islaamaabaad yoo hojiirra oolchite Iraan Ulaa Hormuuz akka bantu ibsite

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan, Ameerikaan waliigaltee Paakistaan Islaamaabaaditti baatii Waxabajjii darbe Iraan waliin mallatteessitti yoo kabajje Iraanis battalumatti waliigalticha hojiirra oolchiti jedhan.

    Pezeeshkiyaan kana kan jedhan, Waliigaltee Islaamaabaad irratti yaada kennuufi, walga’ii hoggantoota Dhaabbata Tumsa Shangaayii Bishkiikitti taasifamerratti.

    Akka Pezeeshkiyaan jedhanitti, Ameerikaan waadaa waliigalticha irratti galte yeroo gabaabaa keessatti cabsuu isheetin Iraan deebii madaalawaa kennite jedhan.

    Pirezidaantichi garuu, “Ameerikaan waadaa waliigalticha keessatti galteetti yoo deebite hojiirra oolchite, Iraanis battalumatti tarkaanfii wal-fakkaatu fudhatti” jechuun ibsan.

    Iraan fi Ameerikaan waliigaltee waraanaa xumuruuf isaan dandeessisuufi ulaa Hormuz banuu irratti waliigaltee uumuuf yaalaa turan. Garuu waliigalteen kun hojiirra ooluu dhabuun, lamaan isaanii gidduutti walitti bu’iinsi itti fufe jira.

  3. Ulaa Hormuuz keessatti dooniin boba’aa fe’atte biraa haleelamte

    Ulaa Hormuuz keessatti dooniin boba’aa fe’atte biraa haleelamuu Dhaabbanni Daldala Galaanarraa UK (UKMTO) beeksise.

    Akka gabaasa dhaabbata kanaatti, dooniin kun “osoo Ulaa Hormuuz seentee ba’uuf jettuu” irratti xiyyeeffatame.

    Dhaabbanni Biriitish kun taateen kun naannoo gama baha Omaaniin jiru Kasaab jedhamurraa kiiloomeetira 31 bakka fagaatutti mudachuu himeera. Haleellaan kunis “misaa’eloota sadii adda hin baaneen gaggeeffame”.

    Hanga ammaatti haleellaa kana hordofee namni madaa’uus ta’e ajeefamuu wanti gabaafame hin jiru.

    Gabaasni kun bahu sa’aatii tokkoon dura, maddii aanga’oota Iraan keessaa ta’an qarqara kibba Iraan irraa misaa’eloonni sadii dhukaafamuu gabaasanii ture.

  4. Tigraayitti manguddoon waardiyyaa baankii ta'an qormaata kutaa 12 darbuun Yuunivarsiitii seenufi

    Tigraayitti waardiyaan baankii ganna 52 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa fudhatan mirgaan galaniiru.

    Abbaa ijoollee sagalii kan ta'an Obbo Seeyifuu Tesfaay baankii Ambassaa Tigraayi jirutti waardiyummaan hojjachuun ofiifi maatiisaanii jiraachisu.

    Abbaansaanii ijoolummaan barnoota bataskaanaa fudhatee daaqonii akka tahuuf barbaada turanillee Obbo Seeyifuun garuu dheebuu barnoota ammayyaaf qabaniin barnoota bataskaanaa dhiisuun baruumsa idilee eegalan.

    "Abbaan koo qotee bulaa sooressa lafa qotiisaa qabuudha, garuu jireenyasaa heddu hin jijjiirre," jechuun namoonni naannoosaanii baratanii yeroo jijjiiraman arguun hawwiin barnoota ammayyaa akka itti horame ibsu.

    "Namoonni naannoo koo barnoota ammayyaa argatanii barsiisaa [fa'aa] ta'anii yeroo jireenyisaanii jijjiiramu waanin argaa tureef, fedhii barnoota ammayyaa barachuu guddaan qaba ture," jechuun umuriin deemtus abjuu barnootaaf abdii hin kutatin akka itti fufan BBCtti himan.

    Obbo Seefuun dhaqaa gala sa’atti ja’a miilaan marmaaruun barachaa akka turan himuun, haati warraasaanifi ijoolleensaanii barnootatti akka jabataanif isaan jajjabeessus ibsu.

    Qonnaan bultoonni gariin hojii gowwaa hojjetaa akka jiru itti himaa isaan qeeqaa akka turan kan himan Obbo Seefuun, ta'us jechu namaa abjuusaanirraa akka isaan hin dhaabne himu.

    Bara kana qormaata kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii gaarii fiduun amma yuunivarsiitii seenuu shirshir jechaa jiru.

    Yuunivarsiitidhaa digriin erga bahanii booda abjuusaanii gara fuulduraas BBCf qoodaniiru.

    "Jireenya fooyya'aa argachuuf tattaaffii gochuun barnoota Biizinas Manaajimantii baradhee Bankii Ambassaatti [bakka itti waadiyummaan tajaajilaa jiran] qacaramuuf Waaqaa wajjin abdiin qaba," jedhu.

  5. Raashiyaan folqolcha mootummaa Niijeeritti yaalame akka fashalu deeggaruu himte

    Sambata darbe Niijeeritti yaaliin fonqolcha mootummaa gaggeeffame osoo hin milkaa'in hafuutu gabaafame.

    Yaaliin fonqolchaa kun akka fashalu gochuu keessatti Raashiyaan hirmaadhera jechuun ibiste.

    Sambata ganama masaraa pirezidaantii Niijeer dabalatee buufataalee waraanaa ijoo magaalaa biyyattiin qabdu keessatti dhoyiinsifi dhukaasni gurguddaan dhagahamaa ture.

    Dhukaasa sa'aatii muraasaf gaggeeffame booda yaaliin fonqolchaa gaggeeffame guutummaatti fashaluu qondaalonni biyyattii beeksisan.

    Yaalii fonqolchaa gaggeeffame keessatti hirmaachuu Ministiirri Ittisaa Raashiyaa Dilbata kan ibse yoo ta'u, loltoonni Raashiyaa "Miseensota Loltoota Deeggarsa Afrikaa" kan kanaan dura Waagnar jedhamuun beekaman fayyadamuun fonqolchi kun akka fashalu gochuu ibsite.

    Niijeer dabalatee biyyoota Afrikaa heddu keessaa loltoota "humnoota finxaaleyyiifi leellistoota" ta'an lolu jettu qabdi.

    Ministiirri Ittisaa Raashiyaa ibsa baaseen, haalli Niijeer "mootummaa seera qabeessa [Jeneraal Abdurhamaan Tiiyaaniin] gaggeeffamuun to'atamee jira" jedha.

    Biyyoonni gammoojjii Saaheel keessatti argaman: Niijeer, Maaliifi Burkiinaa Faasooo irra deddeebiin biyyoota fonqolchaafi yaaliin fonqolcha mootummaa irra deddeebiin itti mudatuudha.

  6. Amma nu gahe, Liyooneel Meesii dorgommii idiladdunyaarraa soorama bahuu ifoomse

    Taphataan lammii Arjantiinaa Liyooneel Meesii kana booda dorgommii idiladdunyaarraatti akka hin hirmaanne beeksise.

    Meesiin dorgommii idiladdunyaarra soorama bahuu kan beeksise ergaa har'a Inistaagiraamii irratti maxxanseeni.

    Taphataan ganna 39 fi yeroo ammaa kilaba US Intarmiyaamidhaaf taphataa jiru, murtee kana osoo yeroo murteessu gaddi itti dhagahamuufi garuummoo yeroosaa ta'uu beeksise.

    "Yeroonsaa amma akka ta'etu natti dhagahama" jechuun garee biyyaalessaa Arjantiinaa waliin dorgommii idiladdunyaarratti kana booda akka hin hirmaanne ibse.

    Garee kubbaa miilaa Ajantiinaaf humnasaa hunda osoo hin qusatin gumaachuu kan ibse Meessin "biyya koof waanan kennuu qabu waantin qusadhe hin jiru" jedhe.

    Waancaa Addunyaa 2022 Kaataaritti gaggeeffamerratti biyyasaa waancaa kan gonfichiiseefi Waancaa Addunyaa 2026 xumuraaf kan geessise Meesiin, biyyasaaf taphoota 207 taphachuun galchii 125 lakkoofsiseera.

    Arjantiinaaf galchii heddu lakkoofsisuun taphataa morkataa hin qabneedha.

  7. Liivarpuul paawundii miliyeena 123 baasuun Barkollaa PSG irraa mallatteessise

    Kilabni Liivarpuul kilaba taphataa sara duraa Biraadlii Baarkollaa kilaba Faransaayi kan ta'e PSG irraa mallatteessise.

    Liivarpuul paawundii miliyeena 123 baasuun Barkollaa kan mallatteessise yoo ta'u, waliigaltichi waggaa shaniif kan turuudha jedhame.

    Barkollaan lakkoofsa 29 akka uffata jedhame. Baarkollaan Liivarpuuliif mallatteessuu booda kilabichatti makamuusaaf gammachuu guddaa akka qabus ibseera.

    Taphataan sarara duraa ganna 23fi lammii Faransaayi kun, "Liivarpuuliif taphachuun kabajaa guddaadha" jechuun "gammachuu guddaatu natti dhagahama" jedhee yaada kenne.

    Mariin isa gara Liivarpuulitti fiduu yeroo dheeraa fudhachuu kan ibse taphataan kun, dhumarratti garee warra "Daddiimotti" makamuusaatti gammachuu guddaa akka qabu dubbate.

    "Liivarpuuliif taphachuu kootiif gammachuu guddaatu natti dhagahama. Dirreerratti argamee taphachuu qofan barbaada" jedhe Barkollaan.

  8. Barsiisaan Neeppaal barattoota 900 lolaadhan akka nyaatamne godhe jajamaa jira

    Balaa lolaa Neppaal mudateen namoonni heddu du'anii kumaatamaan kan lakkaa'aman achi buuteensaanii dhabamee biyyattiin gadda hamaa keessa yeroo jirtutti, barsiisaan barattoota 900 ta'an lolaadhan nyaatamuu oolche 'goota' jedhamuun jajamaa jira.

    Raajeendiraa Dawaadii barsiisaa duree mana baruumsa sadarkaa lammaffaa Tiriibhuvaan Tirishuulii jedhamuu yoo ta'u, akkamitti barattoota mana baruumsichaa lolaadhaan nyaatamuu akka oolche BBCtti himeera.

    Lolaan bakka mana baruumsaa osoo hin qaqqabin daqiiqaa 10 dura bilbilli akka bilbilameef kan himu Rejeendiraan, barattoonni gara lafa olka'aatti akka baqatan godhe.

    Barattoonni mana baruumsichaa keessa jiran achii bahanii gara lafa olka'aatti akka baqatan gochuu qofa osoo hin taane, konkolaattoonni barattoota deddeebisan barattoota fuudhanii akka ofirra deebi'an gochuun lubbuu heddu baraaruu ibsa.

    "Osoo yeroo sana murtee sana fudhachuu baannee, daqiiqaa 10 booda ana dabalatee, hundi keenyaa lubbuun hin jirru ture," jechuun lubbuu barattoota hedduu oolchuusaatti akka gammadu hima.

    Balaa lolaa Neeppaal walakkaan mancaasefi lubbuu namoota hedduu nyaate kanaan, manni baruumsichaa barattoonni heddu murtee barsiisaan kun fudhateen keessaa baafaman amma mallattoofuu hin jiru; jijjigiifi biyyoon irra tuulamee hin mul'atu.

  9. Barselonaan Gabreel Yesuus Arsenaalirraa fudhachuuf fiixerra gahe

    Kilabni Ispeen Baarseloonaan jifataa Arsenaal kan ta'e Gabreel Yesuus Yuuroo miliyeena 10 baasuun fudhachuun fiixerra gahe.

    Hanga ammaa kilaboonni lamaan taphataa lammii Biraaziil kanarratti waliigalteerra gahuu baatanis, mariin itti fufuutu ibsame.

    Guyyaan itti jijjiirraan taphattootaa goolabamu sa'aatiin 24 yeroo hafetti xumuruuf tattaaffii cimaa taasisaa jira.

    Yeroon jijjiirraa taphattootaa Kibxata halkan kan xumuramu yoo ta'u, yeroo gabaabduu hafte kana keessatti kilaboonni hedduun taphattoota barbaadan bituuf sardamaa jiru.

    Jifataa Arsenaal kana Barseloonaa qofa osoo hin taane kilabni Xaaliaanii Naappoolinis abbalaa jira.

    Haa ta'u garuu, Gabreel Yesuus Baarsaa seenuu seenuu akka barbaadutu himama.

    Gabreel Yesuus yeroo amma ganna 29 yoo ta'u, bara 2022 Manchestar Siitii irraa gara Arsenaal deeme.

    Turtii Arsenaalitti taasiseen, taphoota 123 irratti galchii 32 yoo lakkoofsisu, 22 ammoo mijeessee kenneera.

  10. Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti gaggeessiteen kitaabota barnootaa miliyeena 12 ta'u mancaaste

    Yeroo Yukireenitti manni barnootaa eegaluuf jedhutti, Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti gaggeessaa jirtuun kitaabonni barataa miliyeena 12 ta'u manca'an.

    Raashiyaan haleellaa manneen maxansaa magaalota Yukireen irratti gaggeessiteen kitaabonni barnootaa miliyeena heddu mancaaste.

    Haleellaan Raashiyaa kun kan gaggeeffame yeroo barattoonni bara barnootaa haaraa eegaluuf jiranittiidha.

    Miidiyaan Yukireen akka gabaasanitti, Raashiyaan kitaabota bara kana Yukireen keessatti maxxanfamanii mana maxaansaa jiran tokko sadaffaa mancaastetti.

    Manneen maxxansaa qofaa osoo hin taane, iddoowwan hambaalee seenaafi aadaa Yukireen agarsiisan heddus haleellaa Raashiyaa kanaan miidhaan guddaan irra gahuutu gabaafame.

    "Raashiyaan itti yaaddee kana gooti," kan jedhu daayireektara mana maxxansaa Konvi kan ta'e Haayidayi "Raashiyaan mana maxxansaa kan mancaastuuf Yukireen balleessuu barbaaddeti" jedha.

  11. Hojjetoonni mormii hojii dhaabuu itti fufnaan imaltoonni buufata xiyyaaraa Keeniyaa keessa rafuuf dirqman

    Sababa hojjetoonni aveeshinii mormii itti fufaniin imaltoonni dhibbaan lakkaa'aman buufata xiyyaaraa Keeniyaa, Jomoo Keeniyaataa (JKIA) keessatti Dilbatarraa kaasee achi keessa rafuuf dirqaman.

    Imaltoonni karaa buufata xiyyaaraa guddicha Keeniyaa keessa darbuuf turan daandii xiyyaarotaarraa qajeelfama eeggachaa fuula keessummaa itti simatanitti walitti qabamuun rafaniiru.

    Ganama kana ammoo, daandiiwwan xiyyaaraa baayyeen imaltoota isaanii gara hoteelaatti geessuurratti hojjechaa jiru.

    Taateen kun hojjetoonni aveeshinii, Yuuniyeenii Hojjetoota Aveeshinii Keeniyaa (KAWU) jalatti Dilbata buufata xiyyaaraa keessatti mormii gaggeessuu beeksisuu hordofeeti.

    Hojjetoonni kunneen sababiin mormaniif, faayidaawwan, haala hojii mijataafi faayidaawwa kanaan dura waadaa isaniif galame akka raawwatamuuf gaafachuufidha.

    Barreessaan Olaanaa KAWU Moos Nideemaa akka jedhetti, miseensonni Yuuniyeenichaa Abbaa Taayitaa SIvil Aveeshinii Keeniyaa, Abbaa Taayitaa Buufata Xiyyaaraa Keeniyaa gi Jaamboojeeti keessa hojjetan hanga gaaffileen sadan isaan gaafatan deebii argatanitti hojii isaanii dhaabaniiru.

  12. Tiraamp viidiyoo Odolli Kaargi haleelame fakkatu AI'n hojjatame maxxanse

    Pireezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp, viidiyoo teknooloojii AI (Artificial Intelligence) fayyadamuun qophaa’e tokko marsariitii isaaTruth Social irratti maxxansan. Viidiyoon kun buufatni guddaan tokko dhohee wayita gubachaa jiru kan agarsiisudha.

    Tiraamp viidiyoo sana waliin, “Odolli Kaarg guutumaan guutuutti barbadaa’eera” jechuun barreessan.

    Viidiyoon kun kan maxxanfame yeroo Ameerikaa fi Iraan gidduutti muddamni waraanaa cimee jirutti.

    Kaleessa humnoonni Ameerikaa sirna misaa’ela Iraan lama Odoola Laraak kan Iraan fanjii galaanaa awwaaluuf yaalte xiyyeeffannoo keessa galchuun haleeluu ibsan.

    Koreen Eegdota Warraaqsaa haleellaa kanaaf deebii kennuun buufataalee Ameerikaa naannawaa Baha Giddugaleesssa keessa jiran irratti misaa’elaa fi diroonii fayyadamuun irratti xiyyeeffachuu beeksiseera.

    Odolli Kaarg, Iraan keessaa bakka ijoo boba’aa gara biyya alaatti erguuf Iraan itti fayyadamtudha.

    Waa'ee Odola kanaa dabalataan hubachuuf asii argattu

  13. Lakkoosi namoota balaa lolaa Neeppaliin achi-buuteen dhabame 4,000 ol darbe

    Balaa lolaa mudateen Neeppaalitti lakkoofsi namoota achi-buuteen dhabamee 4,247 qaqqabe

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudate hordofee lakkoofsi namoota lubbuun darbee 900 yoo darbu, kanneen achi-buuteen dhabame ammoo 4,247 qaqqabe.

    Namoota balaa kanaan bakki bu’an dhabame keessaa 3,655 lammilee biyyattii yoo ta’an, 592 ammoo lammilee biyya alaati.

    Namoonni lubbuu baraaran hojjetoota humna ibsaa 933 onaa Raasuwaa bakka humna ibsaa Tiriishulii -3A jedhamu keessatti danqaman barbaachuutti jiru.

  14. Iraan buufata waraanaa UAE, Qaaxar fi Joordaan haleeluu beeksiste

    Iraan Wiixata kana haleellaa adda addaa lama buufata waraanaa Emereetota Arabaa Gamtoomanii (UAE) keessa jiru haleelte.

    Akkasumas buufata waraaanaa Qaaxar fi Jordan keessa jiru haleeluu fi diroonii Ameerikaa MQ-9 ulaa Hormuz irratti kuffisuu beeksifte.

    Ibsa waraanni Iraan baaseen, buufata waraanaa Al Minhad UAE keessatti argamu irratti xiyyeeffatee, iddoo helikoptarootaa fi humnoonni Ameerikaa keessa jiran haleeluun haaloo bahuu ibse.

    Iraan buufata Al Minhad bakka ijoo humnoota alaa deeggaruu fi dabarsuuf gargaaru keessaa tokko jechuun ibsite.

    Gareen Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) ammoo diroonii Ameerikaa MQ-9 jedhamu misaa’ela ittisa qilleensaa fayyadamuun kuffisuu beeksise. Diroonittiin erga rukutamteen booda bishaan Galaana Arabaa keessatti kufte jedhe.

    Haleellaan kun kan raawwatame Ameerikaan Dilbata galgala odola Laark, Ulaa Hormuz keessa jiru irratti, iddoowwan misaa’elli Iraan irraa dhukaafsaman irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu ishee erga beeksistee booda.

    Akka miidiyaan mootummaa Iraanii gabaasetti, haleellaa Ameerikaa kanaan loltootaa fi jiraattota Iraanii tokko tokko du’uu fi madaa’uu isaaniitu ibsame.

    Kana malees IRGC Wiixataa buufata waraanaa tokko Qataar keessa jiru fi buufatawwan waraanaa sadii Jordaan keessa jiran irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Haleellawwan kunneen muddam Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru, keessumaa naannawa ulaa Hormuz irratti, daran hammeessera.

  15. Atileetiin Itoophiyaa rekardii cabsuun maraatoonii Siidinii injifate Addisuu Goobanaa eenyu?

    Atileetiin Itoophiyaa umrii waggaa 21 Addisuu Goobanaa dorgommii figicha maraatoonii Siidinii rekardii cabsuun injifateera.

    Atileetiin kun bara darbe lammaffaa kan ba'e yoo ta'u barana garuu 2:04:42n xumuruun rekardii bakkichaa qabateera.

    Atileet Addisuu Goobanaa xumura irratti atileetii biyyasaa Cimdeessaa Dabalee bira kutuun sekendii sadiin caalee xumureera.

    Atileetiin Itoophiyaa umrii waggaa 22 Cimdeessaa Dabalee lammaffaan xumure.

    Atileetota Itoophiyaatti aanuun sadaffaa kan ba'e atileetii Lesuutoo Tebello Ramakongana yoo ta'us innis sekendii 10 irraa fagaachuun 2:04:57n xumure.

    Atileetiin kun atileetii Keeniyaa Alfoonsi Simbuu injifachuun sadaffaa ba'e.

    ''Baayyee gammadeera. Bara darbe lammaffaan ture. Dogoggora kiyyarraa baradhee har'a rekardii cabseera,'' jedhe Atileet Addisuu Goobanaa.

    Atileet Addisuu Goobanaa injifannoo isaa kanaaf Doolaara Awustiraaliyaa kuma 100 argateera.

    Akkasumas ammoo rekardii bakkichaa waan fooyyesseef maallaqa dabalataa doolaara kuma 25 argata.

  16. US buufatawwan Iraan Odola Laraak jiru haleelte

    Humni US buufatawwan Iraan lama Odola Laraak irra jiru haleeluu aanga'oonni biyyattii himan. Kun ammoo erga dhuma Adoolessaa as haleellaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeessite isa jalqabaati jedhameera.

    Humnoonni Eegumsa Warraaqsaa Rippablika Islaamaa Iraan (IRCG) osoo rookkeettii kara Ulaa Hormuuzitti dhukaasuuf qophaa'anii argamaniiru," jechuun US keessatti michuu BBC kan ta'e CBS dubbi himaa Ajajaa Giddugaleessaa US Tiim Awukiins waabeffachuun gabaaseera.

    IRGC Dilbata haleellaan US gaggeessite kun namoota lama ajjeesuun lama biroo madeessuu isaa himuun, "deebii haaloo ba'uu akka kennu" dhaadateera.

    IRGC gara boodaarra buufata waraanaa US Yordaanos keessa jirurratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu miidiyaan mootummaa Iraan gabaaseera.

    BBC'n yaada akka kennuuf Ajajaa Giddugaleessaa US gaafateera.

  17. Handaara galaanaa kaaba Saayipirasitti dooniin dhidhimuun namoonni 8 du’an, 18 achi buuteen dhabame

    Kaaba Saayipiras handaara galaanaatti bidiruun dhidhimuun yoo xiqqaate namoonni saddeet yoo du’an, 18 kan ta’an achi buuteensaanii dhabamuu bulchiinsi Turkii naannawa sanaa ibse.

    Naannawa kanatti bulchiinsa Turkii ofiin of bulchitu kan taate kan hoogganan Unal Ustel, bidiruun kun imaltoota 259 fi hojjettoota sadedeet qabattee Dilbata handaraa Kyrenia irraa ka’uu ibsan.

    Taatee kanaan walqabatee kaapteeniin bidiruttii fi miseensonni hojjettootaa torba to’atamuun akkaataa balaan kun itti mudaterratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu qondaalli kun miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniiru.

    Aanga’oonni Turkii hojii lubbuu baraaroo qindeessuun hojjechiisaa jiru, namoonni bidiruu irra turan hedduun baraaramuu fi kanneen dhabaman barbaaduun itti fufuu himan.

    Bidiruun kun yeroo ammaa galaanatti dhidhimtee jirti, aanga’oonni waan mudate sirriitti hubachuuf bilaak booksii bidiruttii barbaadaa jiru.

    Naannawa balaan kun itti mudatetti helikooptaroonni, bidiruuwwan eegdota handaara galaanaa fi ambulaansiiwwan hedduun ramadamaniiru.

    Kaaba Saayipirasitti Rippaabilika Turkii ofiin of bulchitutti ministira geejjibaa kan ta’an Erhan Arikli imaltoonni 100 ta’an hadaara galaanaatti baafamuu ibsan.

    Rippaabiliki Turkii kun ofiin of bulchuu haa labsattuyyuu malee beekamtii kan qabdu gama Turkii qofaani.

    Pirezidantiin Turkii Resip Taayip Erdohaan balaa mudateen gadduu ibsanii, hojiin lubbuu baraaruu osoo adda hin citin itti fufa jedhan.