Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Qubsuma Israa'el West Baank keessatti taasisftu UK, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Kanaadaan morman

Karoora Israa'el manneen qubsumaa 1,200 WEst Baank kan humnaan qabatte keessa bakka baayyee barbaachisaa ta'etti ijaaruuf caalbaasii ifa goote biyyoota gurguddoo Lixaarraa mormii haaraa kaase.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yaadannoowwan Mahaatama Gaandiin ofii barreesse dolaara mil 1.9tti gurguraman

    Yaadannoowwan Mahaatama Gaandiin ofii barreesse dolaara mil 1.9tti gurguraman.

    Hogganaan qabsoo bilisummaa uummata Hindii Mahaatama Gaandiin yaadannoon harkaan barreesse Hindii magaalaa Mombaay keessatti dolaara mil. 1.9tti gurguraman.

    Yaadannoowwan Gaandii kunneen harka maatii isaa Anaand Tii Hingoraaniikan turan yoo ta'u, baroota 1944 fi 1946 gidduu barreeffaman.

    Dhugaa, jeequmsarra of eeguu fi of to'achuu yaadawwan jedhaman yaadannoo kana keessatti hammatamanii jiru.

    Hangi maallaqaa yaadannoowwan kanneen bituuf dhiyaate, sanada seena qabeessa Hindiitiif gatii olaanaa kaffalame ta'uu caalbaasii kana kan qopheesse dhaabbanni Saafroon Aart jedhamu beeksise.

    Waldhaansoo Hindii gita bittaa koloneeffattoota Ingliizii jalaa baasuu kan hoggane Gaandiin abbaa qabsoo karaa nagaa jedhamee beekama.

    Yaadannoon isaa miilanaa kun garuu siyaasaan gamatti Maahatamaan dhuunfaan nama akkamii akka ture baruuf kan karaa saaqani.

    Gaandiin haadha warraa isaa Viidiyaa du'aan kan dhabe Hiingoraaniif xalayaa barreesse gaddaa fi jajjabina barreessefii ture. Ergaawwan kunneen boodarra ‘A Thought for the Day’ mata duree jedhuun kitaaba barreeffame keessatti hammatameera.

    Hundeessitoota Saafroon Aart keessaa tokko kan ta'e Daaniish Vaaziraanii yaadannoowwan kunneen Maahatama Gaandiin dhiyeenyattii fi dhuunfaan nama akkamii akka ture hubachuuf kan dandeessisani jedhe.

    Caalbaasii dhiyaaterratti xalayaawwan, dokimantoonni harkaan barreeffaman, suuraaleen fi meeshaaleen dhuunfaa jiru.

    Meeshaaleen waggoota kurnan lamaa oliif walitti qabamaa turan kunneen yeroowwan murteessoo qabsoo walabummaa Hindii fi michummaa Gaandii fi Hiingoraanii agarsiisu.

  2. FBI dubartii Niwyoorkitti Capitol Hills boombiin haleeluuf jette jedhu to'ate

    Biiroon Tikaa Federaalaa US (FBI) Dubartii Niwyoorki Albaniitti kan argamu gamoo Capitol Hills boombiin haleeluun seera baastota ajjeesuuf karoorsitee turte jedhu to'ate.

    Abbaan alangaa dubartii ganna 35 Jessica Bowie, 35, hidhata garee IS waliin qabdi jechuun himate.

    Dubartiin tun garee shororkeessaa kanaaf deeggarsa meeshaalee fi qabeenyaa dhiyeessaa akka turte himata isaatiin eere.

    Boowii dursitee "irra deddeebii gamoo kana qorachaa turuu" fi qawwee sobaa fi qawwee hin hojjenne kan caasaan ishee harka lafa jalaatiin kenneef qabachuu abbaan alangaa beeksise.

    "Hamman danda'etti gamoo kana gara caalu barbadeessee senaataroota ajjeesuun barbaada, " jettee caasaa isheetti himuu ragaan isheerratti dhiyaate ni mul'isa.

    Himata isheerratti baname ofirraa haa ittisuuf fi dhiisuu karoora qabaachuu ishee wanti beekamu hin jiru.

    Boowiin karoora ishee kana qaamolee FBI'tti himuu fi torbaanotaaf akka miseensa IS'tti of waamuun waliin dabarsuu isheetu himame.

    Waajjira mootummaa Niwyoork Albanii jiru kan filatteef masaraa Waayit Haawus caalaa waan salphatuuf ta'uu abbaan alangaa hime.

    "Sirna Ameerikaarratti dhiibbaa gochuun barbaada," jette FBI faana yoo dubbattu.

    Abbaan alangaa haala mijataa haleellaaf tolu qorachuuf gamoo kanatti yeroo shanii ol deddeebi'uushee eere.

  3. 'Yoo barbaachise Iraan si'a dhibba haleeluu nan danda'a - Tiraamp

    Iraan nukilarii akka hin hidhanneef yoo barbaachisaa ta’ee argame, si'a dhibba haleeluu nan danda'a jedhe Donaald Tiraamp.

    Gaaffii fi deebii miidiyaa WBBC77 waliin tolcheen Tiraamp, osoo inni tarkaanfii waraanaa fudhachuu baatee Israa’elii fi Bahi Jiddugaleessaa har’a lafarra hin jiran.

    Gaaffii fi deebii kanaan buufataalee nukilaraa Iraanirratti haleellaan akka raawwatamu kan inni ajaje Iraan nukilarii hidhachuuf torbeenm lafa yeroo torbeen lama ishee hafutti.

    Waan miidiyaarra deemaa jiruun faallaa, US Ulaa Hormuz to’achuus hime Tiraamp.

    Dandeettiin misaayelaa fi diroonii Iraan akka malee laamshayuu fi diinagdeen isaanii kufaatii jaka gahuus dubbate.

    Waliigalteen nukilaraa 2015 JCPOA jedhamu balaafamaa fi isa keessaa bahuun Iraan nukilarii akka hin hidhanne hanqisuu dha jedhe.

    Iraan “wanbadee Baha Jiddugaleessaati” jedhe. Akkuma beeknu Iraan Qaataar, Baahreen, Kuweetii fi biyya ishee deggarte UAE haleelte.

    Osoo US tarkaanfii waraanaa fudhachuu baattee Iraan biyyoota kanneen balleessiti, ni qophoooftiif jedhe.

  4. Kaaba lixa Naayijeeriyaatti bidiruun garagaluun hedduun dhuman

    Kaaba lixa Naayijeeriyaa kutaa bulchiinsa Sookotootti bidiruun garalgaluun yoo xiqqaate namoonni 46 dhuman.

    Bidiruun tun nama 70 baattee akka turte tilmaamama, baay'een daa'imman ta'uufi barbaachi reeffa namoota dhumanii itti fufuu aangawoonni himan.

    Dubbii himaan poolisii Ahmad Rufaayi BBC'tti akka himanitti Kamisa reeffi namoota 46 naannawa Goronii keessatti bakka Goraawu jedhamutti argame. Kanneen 16 ta'an immoo nagaan baraaramaniiru. Ammallee namoonni 15 achi buuteen isaanii hin beekamu.

    Naannichi barbaachaf bakka tolu miti, qaamoleen nageenyaa fi tajaajila baraarsaa garas imaluu isaanii Rufaayi himan.

    Namni ijaan arge tokko Rooytarsitti akka himetti daa'immanii fi hojjettoonni humnaa qonnaan bultoota waliin ta'uun oomisha ruuzii sassaabuuf imalaa turuu amana.

    Kanneen ijaan argan reeffa namoota 50 arguu himu. Reeffi isaanii kanneen argame awwaalchaan dura afataa fi uffata aadaatiin maramee masjiida dura kaayameera.

    Dubbii himaan waajjira ittisa balaa tasaa Naayijeeriyaa Izqeel Manzoo "Goraawu iddoo baay'ee fagoo dha" jedhe. Gareen baraarsaa garas socho'uu ibse.

    Balaan bidiruu akkasii Naayijeeriyaa keessatti baramaadha. Bidiruuwwan humnaa ol fe'u, moofaa dha, seerotaa fi qajeelfama balaa tasaahin qaban jedhamuun qeeqamu.

    Ji'a darbe sababa kanaan namoonni shan kutaa blchiinsa Jigaawaa keessatti dhumanii jiru.

  5. US qoqqobbii 'seenaa keessatt mul'atee hin beekne' Iraanirra kaawuf dhaadatte

    Ministirri Maallaqaa US Iskoot Beesent US qoqqobbii "hamaa seenaa keessatti argitee hin beekne" Iraan irra kaawuf akka jiran beeksisan.

    Tarkaanfiin kun US tarkaanfii oppireeshinii waraanaa laaffisuuf akka jirtu kan akeeke jedhameera.

    Dubbiin Beesent kun kan dhagahame Kamisa yoo ta'u dhaadannoo Tiraamp "waraana diinagdee" fi akeekkachiisa "biyya Iraan deeggartu kamiyyuu" dhiibbaa diinagdeetu ishee eeggata jedhu durseeti.

    Beesent torbee darbe bal'ina qoqqobbii kanaa ibsuufis waadaa galanii turan.

    US waraana ji'oota jahaa dhaabuuf qoqqobbii diinagdeetiif dhaadachuu isheetiin kanaaf gatiin boba'aa Kamisa mul'ate torban sadii sadarkaa mul'atee hin beekne ta'e. Boba'aa barmeela miliyoona hedduu Baha Jiddugaleessaatii hiriira galee jira.

    "Boba'aan maaliif akka dabale ani hin beeku" jedhan Beesent CNBC irratti. "Dhiibbaa diinagdee olaanaa yoo goone, carraan waraanairra deebiin hin eegaluu gad aanaa dha jechuu dha" jedhan.

    Waraana kanaan kumaatamatu ajjeefame. Sababa Iraan Ulaa Hormuuz cufteef gabaa biyyoota Galoogalaanaa ni danqame. Ulaan Hormuuz boba'aa addunyaa 20% ceesisa.

    US fi Iraan si'a lama waraana dhaabuuf waliigaluu beeksisan. Baatiiwwan Eblaa fi Adoolessa keessa Ulaa Hormuuz bananii waraanatti xumura gochuufis beeksisan. Garuu lamaanuu osoo hin bubbulle waraanatti deebi'an.

  6. Qubsuma Israa'el West Baank keessatti taasisftu UK, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Kanaadaan morman

    Karoora Israa'el manneen qubsumaa 1,200 WEst Baank kan humnaan qabatte keessa bakka baayyee barbaachisaa ta'etti ijaaruuf caalbaasii ifa goote biyyoota gurguddoo Lixaarraa mormii haaraa kaase.

    Ibsa waloo baasaniin UK, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaanii fi Kanaadaan murtee Israa'el kana "kan fudhatama hin qabnedha" jechuun Israa'el akka "karoorashee kana hatattamaan kaastuuf" cimsanii gaafataniiru.

    Seera idil-addunyaa jalatti qubsumni hunduu seeraan ala ta'ee osoo jiruu, akkasumas dhiibbaan idil-addunyaa osoo taasifamaatti jiruu Israa'el waggoota baayyeetiif karoora Yerusaalem bahaa E1 keessatti karoora kanatti cichitee jirti.

    Michoonnishee baayyeeniifi Filisxeemonni yaada furmaataa biyya-lamee jedhamuuf gufuu akka ta'u yaaddoo qaban ibsuun, West Baank bakka lamatti baasuun Yerusaalem bahaa addaan qooda jedhu.

  7. ASHAMAA

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu kunoo jakqabneerra.

    • Qubsuma Israa'el West Baank keessatti taasisftu UK, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Kanaadaan morman
    • Tiraamp biyya Iraaniin deeggaru kamirrattiyyu tarkaanfii "rakkoo dinagdee" uumu akka fudhatu dhaadate
    • Waa'ee haleellaa diroonii Maqaleetti raawwatame jedhamee maal beekna?
    • Piriimer Liigii Ingiliiz 2026-27: Hireen kilaba isin deeggartanii maal ta'a?
    • Kophee Warqee mo'achuurratti morkattoota Haalaand baranaa

    Kanneen jedhaniifi kaan qabanneerra.

    Oduu keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu.

    DHIYAADHAA!