Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Aanga'oonniifi namoonni bebbeekamoo ergaa Irreechaa Baga Geessaniin waan jedhaa jiran

Irreecha malkaa bara 2026 Hora Finfinnee fi Hora Arsadeetti Sambataa fi Dilbata kabajamuuf Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dabalatee aanga'oonni olaanoofi namoonni bebbeekamoo ergaa baga geessanii dabarsaa jiru.

Guduunfaa

  • Ameerikaan akka jilli Iraan Niwu Yoork gadhiisee ba'u ajajje
  • Jilli Iraan ministira dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchiin durfamu kora UN irratti hirmaachuuf torban darbe gara Niwu Yoork kan imale yoo ta'u, Ulaa Hormuuz deebisanii banuu ilaalchisee Ameerikaa walin al-kallattiin marii taasisaa ture.
  • Paayilatiin qilleensarratti paayilatii biraa waraane xiyyaara kuffisuuf ture jedhe MM Netaaniyaahuu
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ayyaana miidhagaa kan ta'e Irreechi kan nagaafi tokkummaa isinii haata'u! Gamtaa Awurooppaa

    Gamtaan Awurooppaan Ayyaana akkaan miidhagaa ta'e Irreechi kan nagaa, kan tokkummaa fi abdiin keessan itti haaromfamu hunda keessaniif haata'u jedheera.

  2. "Irreechi Waliigaltee Biyyaalessaaf!

    Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee 'Baga Ayyaana Irreecha Nagaan Geessan!' jedhaniiru.

    Irreechi ayyaana gaarummaa fi arjummaan Waaqayyoo itti galateeffamu, Uumama waliini waadaan kan itti haareffamu, ayyaana nagaa, jaalalaa, dhiifamaa fi tokkummaati," jedhan ergaa isaanii baga geessanii fuula miidiyaa hawaasaarratti baasaniin.

    Ayyaanni Irreechaa hurrii fi dukkana gannaa irraa gara fulbaana ifaa fi faaya abaaboo birraatiin miidhagetti ce'uu labsuutis jedhan.

    Itti dabaluun Aadde Adaanech, "Magaalaan teenya ayyaana Irreechaatiin miidhagdee, yeroo kamiyyuu caalaa guddina damee tuuriizimii fi simannaa keessummaaf mijattuu taatee, mallattoo nagaa fi miidhaginaa ta'uudhaan gammachuudhaan dinagdee ishee ittiin dadammaqsaa jirti," jedhan.

    ''Irreecha Waliigaltee Biyyaaleessaaf" mata-duree jedhuun ayyaanni baranaa haala hoo'aa fi miidhagaadhaan akka kabajamuuf, magaalaan Finfinneen sagantaalee aartii fi aadaa garagaraa, konsertoota, mariilee paanaalii, dorgommiilee ispoortii, feestivaalota, egizihbishiniiwwan suuraa fi kanneen kana fakkaatan qopheessuudhaan ayyaanichi miidhagina guddaadhan akka kabajamu taasifama jiraachuus ibsaniiru.

    Kana malees, jiraattotni magaalaa Finfinnee waliin keessummoota kabajamoo kutaalee biyyattii garaagaraa fi biyya alaatii dhufan simachuuf qophii ishee xumurtee tumsaa fi qulqullina olaanaan keessummaa simachuu irratti argamuushee himuun, "ayyaanichi hundi keenya kan ittiin faayamnu, magaalattii keenyaaf hawwata tuuriizimii cimaa, humna fi eebba addunyaaf kan calaqqisiisu ayyaana addaati.Kanaafuu, ayyaanni dinqisiisaan waliin itti boonan ta'e kun, jiraattotni magaalaa keenyaa hundi aadaa keessummoota simachuu olaanaa gabbifatan hojiidhaan agarsiisuun, lammiilee keenya naannoolee garagaraatii dhufan kabajaan simachuudhaan, jaalalaa fi miira tokkummaa olaanaadhaan miidhaginaa guddaan akka kabajamu waamicha koo kabajaan dhiheessa," jedhan.

  3. Tiraamp alergii boba'aa akka ugguru dhaadachuun booda Awurooppaan kuufama boba'aa qabdu akka gadhiistu gaafachuufi

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp biyyisaa boba'aa biyya alaatti erguu ugguruuf waan ta'eef biyyooti Awurooppaa kuufama boba'aa qaban akka gadhiisan gaafachuuf tahuu himaniiru.

    Ministarri Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Beseent biyyooti Awurooppaa dhiyeessi boba'aa isaanii akka gadhiisan yaadachiisuun booda dha yaadni pireezidant Tiraamp kan dhagahame.

    Beseent gatiin boba'aa dabalaa waan jiruuf qonnaan bultoonni Ameerikaa,konkolaachistoonni geejjiba fe'umsaa fi daldalooti garagaraa dhiibbaa kana baachuu hin qaban,'' jedhaniiru.

    Waraanni Iraan gatiin boba'aa akkaan akka dabalu gochuun booda Ameerikaan alergii boba'aa daangessuu akka dandeessuu dhaadatteetti.

    Kamisa kaleessaa UK'n boba'aa gosa kamiyyuu alatti erguu irratti dhorkaan yoo kaa'ame deebii kennuuf dhiyeessiin boba'aa gadhiifamuu danda'uu irratti biyyoota michuu Awurooppaa waliin marii taasifteetti.

    Ameerikaan dhiyeessituu naafxaa ijoo addunyaa yoo taatu baarmeela miiliyoona 1.2 hanga 1.5 gara biyya alaatti ergiti.

    Ameerikaan naafxaa biyya alaatti erguu yoo dhaabde gatii boba'aa biyyoota kaanii irratti dhiibbaa akka uumu ogeeyyiin akeekkachiisaniiru.

    Tiraamp Sambata darbe boba'aa biyya alaatti erguu dhorkuu akka danda'an yoo dubbatan ''sirriitti itti yaadaa jirra,'' jedhaniiru.

    Kamisa kaleessaa biyyooti Awurooppaa kuufama naafxaa isaanii akka gadhiisan akka gaafatan ibsaniiru.

    Ministarri Aannisaa Maartiin Maakikiliiskii Kamisa darbe gitasaanii Awurooppaa waliin haasaa bilbilaa taasisaniin dhorkaa naafxaa irratti dubbataniiru.

    Haala kanaan UK akkasumas Gamtaan Awurooppaa dhorkaa kanaaf deebii kennuuf qophii gochuu qabu jettee akka yaaddu himteetti.

    Gabaan naafxaa addunyaa dhiibbaa dabalataa haala uumuun Chaayinaan dhiyeessii biyya keessaaf dursa kennuusheen oomishaalee boba'aa gariin gara biyya alaatti erguu dhaabuunshee gabaafameera.

    Biyyi dhiyeessii boba'aa olaanaa qabdu Raashiyaa irratti dhorkaan kaa'ame gatiin boba'aa akka dabalu dhiibbaansaa dabaleera.

  4. Baga Ayyaana Irreechaa guddichaan isin gahe! - MM Ittaanaa Tamasgeen Xumureeh

    Irreechi ayyaana miidhagaa wayita bacaqiin gannaa darbee, dirreen miidhagina uumamaa magariisaafi habaaboo hadaatiin kuulamtee, waktiin birraa barii'u hawaasni Oromoo uumaasaaf galata itti dhiyeessudha.

    Irreechi isa darbe galataan kan yaadatu, isa ammaa nagaadhaan kan kabaju, isa dhufummoo abdiidhaan kan simatu mallattoo waloomaati.

    Uummatichi eebba argateef galata galcha; bara haaraafis nagaan, eebbiifi badhaadhinni akka ta'uuf kadhannaa dhiyeessa.

    Itoophiyaan duudhaawwan waloo akka Irreechaa irratti hundooftee danoomashee gara gamtaatti, gamtaashee immoo gara humnaatti, humnashees gara misoomaatti, misoomashees gara qaroomina walootti geeddaruuf daandii ittiin imaltu cimsaa jirti.

    Barnoota guddaan Irreechi nubarsiisus kanadha. Tokkummaadhaan yoo dhaabannu humni keenya ni dabala; waliif yaaduudhaan yoo adeemnu abjuun keenya fagoo gara dhugaa dhihootti fidna; yoo waliin hojjenne abdii keenya waloo gara firii qabatamaatti jijjiirra.

    Ayyaanonni keenya ka'umsisaanii naannawaa tokkodha. Adeemsaan garuu kan hunda keenyaa ta'aniiru. Nutis addunyaaf gumaachineerra. Nukabaju; walitti nuhidhu; badhaadhina nuufidu. Irreechis hundee nagaa keenyaa, cimina waloomina keenyaafi ayyaana egereen keenya caalaatti itti ifu haa ta'u!

  5. Irreechi Nagaadha! Gadaan Qaroomina! Qaroominni Itoophiyaa hin oolleedha! - MM Abiy

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ergaa 'Baga Irreechaan geessan' jedhuun dubbii jabduu dabarsaniiru.

    Irreechi maal akka ta'e, akkamiifi maaliif akka kabajamu kaasuun fakkeenyummaa inni haala Itoophiyaafi ummannishee itti jiruun wal simsiisuun ibsan.

    Baga bacaqii gannaa oofkaltanii, booqaa birraatiin isin gahe jechuun eegalan.

    Dukkanni gannaa darbee biiftuun birraa yoo baatu Oromoon tokkummaan, tartiiba aadaatiin malkaatti bahee waaqasaa dukkana gannaa isa dabarse galateeffata. Kan dhufuufis abdii kaawwata. Abbootiin ‘Mareehoo’, haadholiin ‘Araaroo’ jechaa waaqa arjaaf galata galchu. Malkaa bu’uunis xaddacha saaqu.

    Ganni gurraachi waan namatti hin tolle danuu qaba. Dukkanni gannaa sochii namaafi bineensaa ittisee, bakka garaa gahuu nama hanqisa.Yandoon, galoon, dhoqqeefi mucucni ganna keessaa birraan akka malee akka yaadamu godha.

  6. Aanga'oonniifi namoonni bebbeekamoo ergaa Irreechaa Baga Geessaniin waan jedhaa jiran

    Irreecha malkaa bara 2026 Hora Finfinnee fi Hora Arsadeetti Sambataa fi Dilbata kabajamuuf Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dabalatee aanga'oonni olaanoofi namoonni bebbeekamoo ergaa baga geessanii dabarsaa jiru.

    Ergaa aanga'ootaafi namoota bebbeekamoo keessaa asiin isiniif dhiyeessina.

  7. Qoricha nama ajjeesu lama erga dandamatee booda Kiriistaa Paayiik haala hamaa keessa jirti

    Kiriistaa Paayiik, dubartiin qoricha ishee ajjeesuuf waraanamterraa haftee hospitaala galte, amma haala yaaddessaa keessa jirti jedha abukaatoon ishee.

    Ameerikaa, bulchiinsa Teenasii keessatti, waggoota 30f hidhaa kan turte dubartiin tun, Roobii halkan sa’aatii 2:00 dooziin qoricha peentoobaarbitaal jedhamu lama isheef kenname.

    Ta’us garuu, onneen ishee rukutuu waan dhaabuu dideef hospitaala geeffamteetti jedhan abbaan alangaa.

    “Yeroo ammaa kana fayyaa ishee irratti odeeffannoo baay’ee hin qabnu, garuu lubbuun akka jirtu ni beekna,” jechuun abukaatoon ishee Raandii Ispaayiviin gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

    Abukaatoon ishee amma murtiin ishee akka jijjiiramu gaafachaa jiru.

    Kiriistaan yeroo ganna 18 jaalalleeshee yeroosii kaampii dargaggoota gamsiisaniif leenjii kennutti walargite waliin tahuun Kooliin Silemar shamarree ganna 19 reebuufi daraaruun booda ajjeesuusheen duuti irratti murame.

    Iyyata dhiifamaa keessatti Kiriistaan ishee dhahuuf malee ajjeesuuf kaayyoo akka hin qabne ergasii garuu dhaabuu akka hin dandeenye himteetti.

    ''Yeroos ijoollee ganna 18 ture, waan ani raawwadhe hamaa tahuusaayyuu kanin hubadhe tureeni, ''jette. ''Gochaan koo jireenya nama baayyee akka miidhe yeroon yaadu yakka akkasii raawwachuuf humna qabaachuun koo na dhiba,'' jette.

    Kiriistaan ajjeechaa kana raawwachuun dura Kooliin jaalalleeshee jalaa fudhachuuf yaaluufi ishee arrabsuu dubbatti.

    Kaampii sana keessa namooti turan Kiriistaan waa'ee ajjeechaa kanaa dhaadachuufi akkatti ajjeeftu dubbachuun fakkii buqqee mataa Kiriistaa itti agarsiisuu raga bahaniiru.

    Haati Kooleen Sliimeer ajjeechaan kuni raawwatu akka barbaaddu APtti himuun adaabbiinshee akka raawwatu waggootaa eegaa akka turte himteetti.

    ''Waa'ee ajjeechaa kanaa yeroon yaadu akkatti Kooliin of gargaaruuf dhama'aa turte ija koo dura adeema,''jechuun himteetti.

    Bara 1976 as Dhaddachi Waliigalaa Ameerikaa keessatti dubartoota 18 qofatu adaabbiin du'aa irratti raawwate, kan dhiirotaa 1,663 dha. Kunis adabbii du'aa Ameerikaa keessatti raawwataman keessaa dhibbeentaa tokko jechuu dha.

  8. Masriin dippiloomaatiin Itoophiyaa sa'atii 48 keessatti biyya akka bahan murteessite

    Itoophiyaan dippiloomaatii Masrii Ahimad Mohiraan Ahimas Soolimaan sa'atii 48 keessatti biyyaa akka bahan yeroo murteessitu Masriinis gamasheen deebii kenniteetti.

    Ministeerri Hajaa Alaa kaleessa Fulbaana 21/2019 A.L.I ibsa baaseen dippiloomaatichi biyya gadhiisanii akka bahan kan murtaa'e ''seera dippiloomaasii cabsuun'' tahuu ibseera.

    Dippiloomaatichi hubachiisni kennamee sa'atii 48 keessatti Itoophiyaatii akka bahan murtaa'uun himameera.

    Miidiyaan Masrii Mannaa akka gabaasetti Kaayiroon murtoo Itoophiyaa ''gaddisiisaa'' fi ''sababaan kan hin deeggaramne,'' jechuun komatteetti.

    Itoophiyaan dippiloomaatiin Masrii biyyaa akka bahan murtoo kennuun booda Masriinis dippiloomaatiin Itoophiyaa jiran sa'atii 48 keessatti biyya gadhiisanii akka bahan beeksisteetti.

    Miidiyaaleen biyyattii Masriin Itoophiyaa dabalatee dhimmoota keessoo biyyoota kaan gidduugalti jedhamuu busheessaniiru.

    Itoophiyaan ''kufaatii keessoofi rakkoo yeroo dheeraa biyya keessaaf,'' humnoota alaa gaafatamoo taasisti,'' jechuun yakkaniiru.

    Gama biraan Itoophiyaan embaasiishee Asmaraa jiru cufuuf murteessuufi dippiloomaatoti Ertiraa 10 sa'atii 48 keessatti biyyaa akka bahan ajaja kenniteetti.

  9. Itoophiyaan dippilomaatiin Masirii sa’aatii 48 keessatti akka biyyaa bahu hubachiifte

    Mootummaan Itoophiyaa dippilomaatiin Masirii Ahmad Mohaaraan Ahmad Soliimaan seera dippilomaasii cabseera jechuun komii irratti dhiyeessuun sa’aatii 48 keessatti biyya gadhiisee akka bahuuf embaasii biyyattii Finfinnee jiru hubachiiseera.

    Ibsi kun sa'aatii muraasa erga Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa deebii gocha diinummaa fi tuttuqqaa Ertiraan kallattii fi al-kallattiin Itoophiyaa irratti raawwachaa jirti jedhee embaasii biyyattiin Asmaraatii qabdu cufuuf murteessuu beeksise.

    Kana malees, dippilomaatonni Ertiraa 10 Finfinnee keessa jiran gochawwan nageenya biyyattii kallattiin balaarra geessisan keessatti waan hirmaataniif sa'aatii 48 keessatti Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan ajajuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen ifa godheera.

    Waldhabdeen Masrii fi Itoophiyaa dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa Abbayyaa (GERD) irratti kan hundaa'e yoo ta'u, dhimmoota bishaanii fi siyaasa naannoo gurguddoos of keessaa ni qaba.

  10. Dureessi beekamaan lammii Zimbaabiwee Wiikneel Chivaayoo balaa hilikooptaraan hadha warraasaa waliin du'e

    Dureessi beekamaan lammii Zimbaabiwee michuu Pirezidantoota hedduu ta'e Wiikneel Chivaayoo bala hilikooptaraan haadha warraasaa waliin du'e.

    Dureessa kana waliin namoota jahatu hilikooptara san keessa ture jehcuun maatiinsaa mirkaneessaniiru.

    Balaan kun kan qaqqabe magaalaa guddoo Zimbaabiwee Haraaree irraa fageenya km70tti ganda baadiyyaa Marondera jedhamutti yoo ta'u balaan kunis Roobii galgala qaqqabuu Poolisiin mirkaneesseera. Namoota hilikooptara san keessa turan keessaa kan lubbuun oole hin jiru.

    Dubbii himaan maatii kanaa dureessi ganna 43 Herbeert Chivaayoofi haati warraasaa Luusii Muteekee du'uu mirkneesseera, maatiinis rifatuu guddoo keessa jiraachuu beeksise.

    Chivaayoon jireenya qananii jiraatu miidiyaa hawaasaa gubbaa agarsiisuunis beekama. Pireezidantoota biyyoota Afrikaa hedduu waliin michuu yoo ta'u, Mootummoota AFrikaa hedduu waliin piroojektiiwwan gurguddaa hojjechuuf waliigaltee raawwateera. Namni daldalaa kun malaammaltummaan pirojektoota injifata jedhamuus badii akka hin dalagane mugguta.

    Dureessi kun haadha warraasaa waliin mana baadiyyaatti ijaaraa jirn ilaaluuf osoo imalaa jiranii balaan kun isaan mudate.

    Hilikooptarri Chivaayoofaa balali'uu eegalee daqiiqaa 40 booda lafa qonnaa bakka Kudeengaa jedhamu keessatti kufe.

  11. Paakistaan Afgaanistaanirratti haleellaa qillensaa hamaa raawwatte

    Paakistaan haleellaa qilleensaa Afgaanistaanirratti raawwatteen namoota sagal ajjeeftee 11 madeessuu mootumman Taalibaan beeksise.

    Ministirri Odeeffannoo Islaamabaad haleellaan kun raawwatamuufi hidhattootni 20 ajjeefamuu hime.

    Dubbii himaa mootummaa Taalibaan Zabihullaa Mujaahid haleellaan qilleensaa kun bulchiinsota Kunar fi Helmaand jedhaman keessatti manneen jireenyaa rukkuchuu hime. Yaada X gubbaa maxxanseen dubartootniifi daa'imman kanneen haleellaa kanaan miidhaman keessati jedheera.

    ''Gochi kun weerara fi yakka duudhaale fudhataman cabse waan ta'eef ni balaaleffanna'' jedheera.

    Paakistaan garuu haleellaan qindaa'aadha ittiin jedhe kaampiiwwan shoroorkeessitootaa Afgaanistaan keessa jiran irratti xiyyeeffate jedheera. Bakki haleelame iddoo meeshaaleen waraanaa hedduun itti kuufame ta'uus ibse.

    Ministirri Odeeffannoo Paakistaan nama nagaarra balaan akka hin geenye eeggannoo guddaan godhameera jechuun himannaa Afgaanistaan kufaa godheera.

    Paakistaan Taalibaanotni Afgaanistaan keessa jiran hidhattoota Taaliban Paakisataan keessa jiran, mormaniifi haleellaa raawwataniif daho ta'aniiru jechuun himatti.

    Afgaanistaaan gama isheen himanna akana kufaa gooti.

  12. Namoota waraanaan qe'eerraa buqqa'an dabalatee siiviloonni hedduun walitti bu'iinsa kaabaan rakkoof saaxilamaniiru- UN

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Gargaarsa Namoomaa Qindeessu (OCHA) kan damee Itoophiyaa waldhabdeen kaaba Itiyoophiyaa keessatti uumame lammiilee nagaa-kanneen kanaan dura sababa waraanaan buqqa’an dabalatee jiraattotni nagaa daran buqqa’aa jiraachuu ibseera.

    OCHAn ibsa isaa keessatti qaamoleen wal waraanaa jiran hundi nageenyaa fi qabeenya hojjettoota gargaarsaa akka mirkaneessan gaafateera.

    Gargaarsi lubbuu baraaruu giddu-seenummaa tokko malee akka ummata rakkoof saaxilamaniif akka dhihaatu haala mijeessuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.

    OCHAn humnoonni hidhatan konkolaattota gargaarsa namoomaa yeroo adda addaa humnaan qabatanii turan hunda hatattamaan akka deebisan dhaameera.

    Qindeessaan jaarmiyaa kanaa Ozooniyaa Ojiiloo (Dr) ibsa isaanii keessatti, buqqaatii haaraa cinatti, lammiileen kanaan dura buqqa’an balaa nageenyaa hammaaaf saaxilamuun isaanii eegumsa lammiilee nagaa ilaalchisee yaaddoo guddaa akka uume hubachiisaniiru.

    Qondaalli kun itti dabaluudhaan hawaasni gargaarsa namoomaa naannolee miidhaman keessatti deeggarsa kennuu itti fufee osoo jiruu, haleellaa hojjettoota gargaarsaa, qabeenya, waajjiraalee fi bu’uuraalee siiviilii irratti raawwatamu ilaalchisee yaaddoon guddaan akka jiru ibsaniiru.

    Keessattuu waldhabdeen dhiheenya kana kutaa kaaba biyyattii keessatti hammaate ilaalchisee yaaddoon hammaachuu ibsan.

    OCHAn ibsa isaa keessatti yoo xiqqaate konkolaattonni gargaarsa namoomaa 10 gareewwan hidhataniin saamamuu isaanii kan gabaase yoo ta’u, hanga ammaatti kan argame lama qofa ta’uu ibseera.

    Qindeessaan kun hojjettoonni gargaarsaa fi qabeenyi seera namoomaa idil-addunyaa jalatti haleellaa irraa kan eegamu ta’uu fi gonkumaa irratti qiyyaafatamuu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.

    Qaamoleen hundi seeraa fi qajeeltoowwan idil-addunyaa akka kabajan, hojiiwwan gargaarsaa gufachiisuu irraa akka of qusatan, gargaarsi namoota gargaarsa barbaadaniif gufuu tokko malee akka geejjibsiifamu haala mijeessuun dirqama akka ta'e qondaalli kun waamicha dhiyeessaniiru.

  13. US jilli Iraan osoo yeroo kennameef dursuun akka Niwu Yoork keessaa ba'an ajajje

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo jilli Iraan yeroo karooraan qabameef dursee akka Ameerikaa keessaa akka ba'u ajajuu aanga'aan mootummaa Ameerikaa tokkoo fi maddeen dippiloomaasii miidiyaa waahila BBC ta'e CBS jedhamutti himan.

    Akka gabaasa miidiyaa kanaatti Maarkoo Ruubiyoo jilli Iraan akka dursee Niwu Yoork gadhiisee ba'u kan ajaje mariin teeknikaa aanga'oota biyyoota lamaanii gidduutti erga gaggeeffameeti.

    Jilli Iraan ministira dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchiin durfamu kora UN irratti hirmaachuuf torban darbe gara Niwu Yoork kan imale yoo ta'u, Ulaa Hormuuz deebisanii banuu ilaalchisee Ameerikaa walin al-kallattiin marii taasisaa ture.

    Abbaas Argaachii kanaan dura CBS waliin wayita turtii taasisan jilli isaanii KIbxata darbe Ameerikaa gadhiisee ba'uuf ture.

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan erga torbee darbe kora UN irratti haasaa taasisanii guyyaa itti aanu Niwu Yoork keessaa kan ba'an yoo ta'u, Abbaas Araagchii garuu akkaataa Ulaa Hormuuz deebisanii banuun danda'amuu fi waraana dhaabuu irratti marii al-kallattii Ameerikaa waliin gaggeessuuf achuma turan.

    Ameerikaan dippiloomaatota Iraan UN keessatti ramadamanii jiranii fi biyyashee keessa jiran hunda akka biyyattii gadhiisanii ba'an hin dirqamsiifne.

    UN ajaja Maarkoo Ruubiyoo booda Araagchii fi jilli Iraan kora waliigalaa irratti hirmaachuuf gara Niwu Yoork imalan ''hatattamaan'' akka ba'an itti himuu miidiyaan US Axios jedhamu gabaaseera.

    Miidiyaan AP jedhamu gamsaan aanga'oota Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti jilli Iraan kun ''yeroo kennameef dabarseera, akkasumas ammoo korri UN xumurameera. Kanaafuu gara biyyasaaniitti deebi'uu qabu,'' jedhamuu gabaaseera.

    Jilli Iraan Kibxatarraa eegalee imalli isaa gara Qataar, Dohaa taasiseera.

    Waayit Haawus dhimma Ulaa Hormuuz banuu irratti mariin Iraan waliin taasisan fooyya'iinsa ni agarsiisa jettee eegaa turtus, garuu dubbiin akka isaan eegan hin taane.

    Iraan Ulaa Hormuuz banuu ilaalchisee karoora dhiheessitee kan turte yoo ta'u, Pirezidant Tiraamp karoora kana akka hin fudhanne ibsee ture.

    Iraan garuu ejjennoon kun dhuguma kan Ameerikaa ta'uu deebii eegaa akka turte ibsiteetti.

    Gama kaaniin dhimma kana gidduu jaarsummaan kan jirtu Qataar ammas biyyoota kunneen gara mariitti fiduun waraanni kun akka dhaabbatuuf dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsiteetti.

  14. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Iraan fi US al-kallattiin mari'ataa jiraatanis garuu mariinsaanii bu'aa buusaa hin jiru.

    Waan gidduu isaaniitti deemaa jiru akkasumas dhimmoota Baha Giddugaleessaa irratti xiyyeeffanna.

    Odeeffannoo biyya keessaa fi alaas qixeessinee isiniif dhiheessina.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo dhiheessaa turre asii argattu.

    Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!