Paakistaanii fi Iraan mariin dhimma waraanaa US fi Israa'el Iraan irratti bananirratti xiyyeeffate tolchan "jijjiirama jabaa" agarsiisuu ministeerri dhimma biyya keessaa Iraan himan.
Mariin garee lamaan jidduu Teehraanitti godhame tarkaanfiiwwan muddama hammeessan hir'isuu, Ulaa Hormuuz banuu fi saffisaan waraana dhaabuu irratti akka xiyyeeffatu ibsi waraana Paakistaan irraa bahe ni mul'isa.
Mariin kun Hogganaa olaanaa waraanaa Paakistaan Asiim Muniirii fi hoggansa Iraan gidduutti godhame.
Gareen lamaan haala nageenya naannichaa fi dhibdee karaa nagaan hiikuurratti yaada wal jijjiiruu ibsi bahe ni mul'isa.
"Pirezdantii Iraan yaada mootummaa isaanii ibsuun, marii gameessa goone jedhan," jechuun Tehnaanitti hoggana waraanaa Paakistaan dabaaluun kan imalan Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Mohsiin Naaqvii fuula X isaaniirratti ibsan.
Waayit Haawus dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Muniir Tehraan daawwachuu dura Donaald Tiraampitti haasawanii turuu Rooytrasi gabaaseera.
Tiraamp torbee darbe biyya Iraan deeggartun kamuu qoqqobbii diinagdeen adabuuf dhaadatee ture. Biyyattii addunyaan akka qoolliffattu barbaada Tiraamp.
Iraan immoo biyyootni Galoogalaanaa boba'aa gara akka alaatti hin erganne ugguruuf dhaadatte.